Xurree ittiin seenan

Jala bultii daawwannaa prezidaant Obamaa gaazexeessonni fi barattoonni mana hidhaa Itiyoophiyaa keessa turan gad dhiisaman

  • VOA

President Barack Obama, accompanied by Vice President Joe Biden, speaks in the Rose Garden of the White House in Washington, July 1, 2015.

President Barack Obama, accompanied by Vice President Joe Biden, speaks in the Rose Garden of the White House in Washington, July 1, 2015.

Gaazexeessotaa fi kanneen marsaa interneetii irratti barreessanii fi himannaan shorokeessummaa irratti dhiyaatee hidhaa keessa turan keessaa Riyoot Alamuu VOAf ibsa kennitee jirti. Riyoota yoomiif attamiin akka gad dhiisamte waahila keenya Solomon Abatef akkas jechuun ibsite.

Ganama gara sa’a afurii natti fakkaata. Sa’aatii isaa sirriitti hin ilaalle. Dhufanii ba’I ennaa naan jedhan qoosaa natti fakkaate. Maaliif sababii maaliif jedheen gaafadhe. Ba’I naan jedhan.

Kana dura shaakalli akkasii namoota ka biroo irrattis waan raawwateef booda irra waan hin taane yoo jettan dhugaa isaa dubbachuun koo hin hafun jedheen Itti na deebistu yoo ta’e asuma turuu naa wayya. Yeroo AMEKIRO koo darbeera garuu isaafis hin iyyanne. Dhiifamas hin gaafanne. Yeroon ati itti hiikamtu darbeeraa kanaaf si hiikne deemi kan jedhu deebii gabaabaatu naa kenname. Akkasittan gad dhiisame jette.

Riyoota harmi ishee dhukkubsattee waggaa lama dura wal’aansa baqaqsanii hodhuu fudhattee turte. Harmi koo inni tokkos micireen waan keessatti argameef wal’aansa baqasanii hodhuu naan jedhan, as taa’ee kana gochuu hin barbaanne jette Riyoot. Amma garuu nan wal’aanama jetteetti. Haalli mana hidhaa isheen keessa turte maal akka fakkaatu Riyoot ennaa ibsitu

Akkuma hidhamtootaatti adda adda. Walumaa gala hidhamtoonni haalli itti qabamanii jiran gaarii dha jechuu utu hin ta’in addumaan hidhamtoonni polotiikaa isa kaan irraa haala amaa ta’een ilaalama.

Anaan yoo fudhatte waggaa fi ji’a 8f haadhaa fi abbaa koo qofan argaa ture. Seerri akka jedhutti abboota amantii, abukaatoo waliin wal agarsiisna jedha. Garuu abukaatoos ta’e ka biroo waliin wal hin argine. Nyaati mana hidhaa keessaas kan namatti tolu miti. Nuti warra utuu badii hin qabaatin hidhame hafee warrumti balleessaa qaban iyyuu gama nyaataan haa adabaman kan jedhu hin jiru. Kanaaf gaarii hin turre jette.

Angawoonni Ityiyoopiyaa yeroo hedduu hidhamtoonni siyaasaa kan jedhaman hin jiran jedhu gaaffii jedhuuf Riyoot ennaa deebistu kun kijiba ifa gala dha jette. Kanuti koo qofti ga’aa dha. Hidhamtoota siyaasaa hedduus beeka jette.

Gaazexeessota sadii fi kanneen interneetii irratti barreessanitti dabaluu dhaan kanneen mana hidhaatii gadhiisaman keessa barattooni universitii lammiiwwan Oromoo jiraachuu isaanii gaazexaan Addis Standard jedhu babaasee jira. Kanneen keessaa Addunyaa keessoo, Bilisummaa daammanaa, Leenjisaa alamayoo, Abdii Kamaal, Magarsaa Warquu fi Tofiq Rashiid Nimoonaa ykn Abbebee urgeessaa, Mo’iboon Beqqelee ennaa ta’an hedduun isaanii mana hidhaa Qilinxoo irraa hiikaman.

Martinuu barattoota ennaa ta’an universitiiwwan oromiyaa keessa jiran adda addaa keessaa qabaman. Waggaa tokkoo fi ji’a sadii hidhaman keessatti himannaan irratti dhiyaate hin turre.

Lakkoobsi isaanii kan hin beekamne barattoonni university lammiiwwan Oromoo ta’an kun humnoota poolisiin kan hidhaman Caamsaa bara 2014 master palaanii Finfinnee mormuu dhaan ennaa isaan hiriira mormii geggeessanitti ture.

Barattoonni kun karoora kanaan mormuu dhaan mootummaan federaalaa dhimma Oromiyaa jidduu seena jechuun mormii dhiyeessan. Xiinxaltoonni seeraas akka jedhanitti tarkaanfiin kun heera biyyattii keeyata 49(5)n kan Oromiyaan magaalaa Finfinnee irraa dantaa addaa argatti kan jedhuun morma.

Barataa Univiersitii kan ta’e Nimona Caalii irratti himannaan dhiyaate baatilee lamaan tokko dura ibsi utuu itti hin kennamin akka hafu ta’e. Barata Aslan Hassen mana hidhaa keessatti ennaa du’u, mootummaan immoo of ajjeese jedhee jira.

Haa ta’u malee hedduun akka amananitti saabaan du’a isaatii dararaa irratti raawwtameeni. Haala du’a isaa qorachuufis qorannaan dhuunfaan geggeessame hin jiru jechuun gaazexaan Addis Standard gabaaseera. Gaazexeessonni fi kanneen mirga namaaf falman kanneen waggaa tokko oliif hidhaa keessa turan keessaa sadii hiikamuu isaaniis VOAn kaleessa madden isaa biraa adda baafateera.

Radio Fana immoo kanneen hiikaman shan jedhee jira. Himannana shorokeessummaa irratti dhiyaatee waggaa tokkoo fi ji’a laman kanneen hidhaman keessaa Tesfalem W/Yes, Asmaamaawo H/Giorgis akkasumas kanneen marsariitii irratti barreessan keessaa barsiisaa seeraa kan ta’e Zelalem Kibret kaleessa gad dhiisamaniiru. Abukaatoon isaanii obbo Amehaa Mekonnen hanga guyyaa kaleessaa gabaasi sun qindaa’etti kanneen hidhaa keessa jiran Edom Kasaayee fi Mahlet Faantaahun hidhaa dhaa hin gad dhiisamne.

Mana hidhaa Qilinxoo keessa kanneen turan namoonni kun kaleessa waaree booda gad dhiisamuu isaanii obbo Amheaaf ibsaniiru. maqaan isaanii meeshaa sagalee guddisuun waamamee murtiin kun itti himamuu isaa illee kanneen hidhaa dhaa gad dhiisaman kun naaf ibsaniiru jedhan obbo Amahaan.

Gareeleen mirga sabaa himaa fi falmsaniif hayyoonni seeraa mootummaan Itiyoophiyaa himannaalee gaazexeessotaaf kanneen marsariitii irratti barreessan haga tokko irratti dhiyeesse kaasuu isaa simatanii jiran.

Abukaatoon kanneen marsariitii irratti barreessan kanaa Ameha Mekonnen akka jedhanitti ajaji kun gaaffilee hedduu kan kaasise ennaa ta’u angawoonis seeri kun qixxummaa dhaan maraaf hojii irra akka oolu gaafataniiru.

Murtii kana simannee jirra. Gaaffii hedduun ka’uu qabantu jiru. Fakkeenyaaf maaliif kanneen marsariitii irratti barreessan ka biroon hin hiikamne. Gaazexeessonni sadii fi kanneen marsariitii irratti barreessan lama erga hiikaman ta’e seerri kun kanneen biroof hin hojjetuu? Kanaaf kanneen biroon sababiin hin hiikamneef natti hin mul’atu jedhan.

CPJtti bakka bu’aan gaanfa Afriikaa Tom Rhodes akka jedhanitti Jarmayaan isaanii sochii angawoonni Itiyoopiyaa godhan simateera, garuu haalli gaazexeessotaa fi kanneen marsaa interneetii irratti barreessan hidhaa jiranii nu yaaddessa jedhan.

Gaazexeessota mana hidhaa keessajiraniif nan yaadda’a. akka gabaasa jiruutti Befeqaaduu, Atnaaf, Abel fi Natna’el jechuu keenya.

Yeroo ammaa kan isaan jedhaa jiran namoonni kun namoota shira jiru qopheessan fi kanneen boron immoo gargaartota isaanii ti. Yeroon isaa lafa irra harkifamee kanneen hafan arfan murtii haqaa argatanii hikamninnaa soda jedhun qaba.

Mirga gaazexeessotaaf falmuu CPJn yoo xiqqaate gaazexeessota 12 ta’an kanneen biroon amma iyyuu hidhaa keessa jiru, irra hedduu isaanii irratti himannaa shorokeessummaatu irratti dhiyaate jedhee jira. Ertraatti aansuu dhaan Afriikaa keessaa Itiyoopiyaan biyya gaazexeessonni keessa jiraachuuf akkaan jamaa ta’e jedha CPJn.

gaazexxeessota fi kanneen interneetii irratti barreessan sagal keessaa sadii, hiikamuu isaanii simanneerra jechuu dhaan dhaaba mirga gaazexeessotaaf falmu “Freedom House”tti directorri sagantaa Afriikaa Vukasin Petrovic dubbataniiru. Gaazexeessonni kun kan hidhamaniif mirga heerri isaaniif eeyamu kan yaada ofii walabummaan ibsuu danda’uu waan shaakalaniif jecha jedhan.

Mootummaan Itiyoopiyaa himannaalee gaazexeessotaa fi kanneen interneetii irratti barreessan hafan ja’a irratti dhiyeesse kaasee hidhaa dhaa akka gad dhiisu gaafanna jedhan.

President Barack obaman xumura baatii kanaa Itiyoopiyaa daawwatuuf jiru. Wayita kanas angawoota biyyattii ol aanoo akkasumas addaan immoo hoogganoota gamtaa Afriikaa waliin wal argu jedhamuu eegama.

XS
SM
MD
LG