Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni addunyaaf Iraan walii galtee meeshaa nukleraa irra ga'an


\
\

Diplomaatonni Iran, US, china, Raashiyaa, Germany, Ferensaay, Britain fi gamtaa Awrooppaa marii waggoota dheeraa booda dhumarratti har’a walii galtee irra ga’an.

Falmiin keenya takkaa uummata Iran waliin hin turre. Uggurri nukleraan wal qabate hagam jireenya lammiiwwan Iran akka miidhe ni hubanna. Walii galteetee har’a irra ga’ameef haa tolu malee Iran sagantaa ishee nukleraa ilaalchisee jijjirama guddaa waan gooteef amma jirjjiiramu jalqabu.

Kerryn akka jedhanitti utuu walii galtee irra ga’amuu baatii baatilee haga tokko booda Iran meeshaawwan boombiiwwan 10 oomishuu ishee dandeessisu qabdi turte. Garuu akka walii galtee kanaatti jedhan Kerryn Iran waggaatti boombii tokko hojjechuu danda’uuf kurna tokko ishee fudhata jedhan.

Iran sagantaan ishee nukleraa yeroo mara iyyuu hojii nageenyaaf ta’uu irra deddeebi’uun dubbatti. Iran haala isa kamiinuu keessatti meeshaa nukleraa kamiinuu qabaachuu akka hin feene mirkaneessitee jirti.

Text: Hoogganoonni addunyaa garuu muddamni giddu galeessa keessaa isaan yaaddessa. Yoo Iran meeshaa nukleraa oomishste biyyoota diina ishee ta’an kan akka Saudi Arabia fi Israel gidduu wal amantaa dhabuun jiru tarii walitti bu’iinsa waraanaa kaasa soda jedhu illee qabaachuu isaanii dubbatan.

Salphaa dhumatti ennaa ilaalamu, walii galtee irra ga’uu dhabuu jechuun waraanni itti dabalaa giddu galeessa bahaa keessatti ka’uu jechuu dha. Itti dabaluu dhaanis rakkoon kun karaa nagana furamuu fi dhiisuu isaa yaalii gochuu dhaan waanti nutti hir’atu hin jiru.

Qeeqxaonni US fi Iran keessaa akka jedhanitti walii galteen sun garee isa tokko humna jabeessa. Diplomaatonni walii galtee kana gara biyya ofiitti deebi’anii uummata amansiisuutu isaan eeggata.

Ministriin dhimma alaa Ameerikaa kerryn yaadawwan walii galtee kana ilaalchisee kennama kan akka hamma Tehran sagantaa ishee meeshaa nukleraa ilaalchisee ulaagaa sadarkaan addunyaa kaa’e guuttu-tti uggura irra kaa’ame itti fufuu qaba jedhu. kun immoo abjuu dha jedhan.

Walii galteen kun irra ga’amuun jedhan kan har’a ganama walii galtee sana labsan president Obamaan Theran meeshaa nukleraa akka hin qabaanne gochuu dhaan addunyaa bakka amansiisaa taaisisa.

United States michoota ishee kan sadarkaa addunyaa waliin ta’uu dhaan finciltummaan kurna hedduu kan gochuu hin dandeenyetti milkaa’an. Kunis Iran waliin walii galtee yeroo dheeraa kan akka isheen meeshaa nukleraa hin oomishne ittisu jechuu dha.

President Obamaan walii galteen nukleraa Iran waliin irra ga’uun fakkeenya diplomaacyn Ameerikaa jijjiirama giddu galeessa bahaa keessatti fiduu danda’uu fi faca’ina meeshaa nukleraa dhaabsisuu danda’uu isaa ti jedhan.

President Obamaan tarkaanfii Iran fudhachuun irra jiru tarreessanii jiran kunis oomisha uraniumii dhaabuu, kan boombii oomishuuf gargaaru gabbisa Plutonium addaan kutuu fi meeshaa ittiin uraniumii waliin makaan kan centerfuge jedhamu sadii irraa harka lama gad xiqqeessuuf akkasumas tuullaa uraniumii dhibba irraa harka 98n gad cabsuu dha jedhan.

Qorattoonni tokkummaa mootummootaas keellaalee nukleraa Iran sa’aatii 24 seenanii ilaaluuf karaa argatu, walii galteen kun wal amantaa utuu hin taane qorannaa irratti kan hundaa’e jedhan Obaman.

Qabxiilee ijoo ta’an kana guutuu dhaan Iran uggurri irraa ka’uuf jira jedhaniiru. Yoo garuu Iran walii galtee kana cabsiti ta’e uggurri irraa ka’e deebi’ee kan irra kaa’amu ta’uus president obamaan akeekkachiisaniiru.

Gama birana immoo Israel walii galtee Iranii fi humnootii addunyaa gidduutti irra ga’ame kana balaaleffattee jirti. Muumichi ministeeraa Israel Benjamin Netanyahu labsii har’aa kanaaf battala debii kennuu dhaan Seenaa keessatti dogoggora hamaa dha jedhan.

Yerusaaleem keessatti ibsa kennaniin akka jedhanitti yaaddoon keenya biyyi finxaalessi Islaamummaa meeshaa nukleraa qabaachuuf daandii gabaabaa argate jedhan.

Uggurri kun irra hedduun isaa akka Iran milkaa’ina kana bira hin geenye ittisuuf ture irraa ka’e kan jedhan Netanyahuun itti dabaluunis Iran badhaasa maallaqaa doolaara biliyoonaan laka’amu kan hookkaraa fi shorokaa naannoo fi addunyaa keessatti akka itti fuftu gargaare argatte jedhan.

Angawoonni Israel walii galtee sana mormuu dhaan kun biyya Juushotaaf sodaachisaa dha, sababiin isaas Iran irra deddeebi’uu dhaan israliin barbadeessuu akka feetu dhaadataa turte jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG