Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haasawa Perezidaanti Obaamaan Galma Gamtaa Afrikaatti Dhageessisan


U.S. President Barack Obama delivers a speech before the African Union in Addis Ababa, Ethiopia on July 28, 2015.
U.S. President Barack Obama delivers a speech before the African Union in Addis Ababa, Ethiopia on July 28, 2015.
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:47 0:00
Xurree marsariitii

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets daawwannaa isaanii seena-qabeessa Keeniyaa fi Itiyoophiyaa keessatti geggeessan ennaa xumuratti dhihaatan, har’a galma Gamtaa Afrikaatti keessatti haasawa dhageessisaniin,“Afrikaan tarkaanfii guddaa agarsiistee jirti” jechuudhaan faarsanii, garuu tarkaanfiin kun waarinsa qabaachuu ka danda’u yoo misoomni itti-fufinsa qabaatee fi mirgi Dimookiraasii hundaaf mirkanaawe ta’uu hubachiisan.

Akka Prezidaantii Yunaayited Isteets otuu taayitaa irra jiranii, Gamtaa Afrikaatti haasawa dhageessisan isa duraatti ka seenaa koloneeffatummaa aguugee irra-ba’ee mul’ataa jiru dinagdee fi guddina misooma Afrikaa itti-fufinsa qabu arguuf akka dhuunfaatti akka fedhii guddaa qaban illee dubbatan.

Ardin Afrikaa, faca’insa HIV/AIDSII gad-cabsuu irraa kaasee hanga lammiwwan Afrikaa miliyoona hedduu ta’an iyyuma keessaa ba’uutti bu’aa guguddaa arditiin argatte dinqsiifatanii, qooda Yunaayitid tarkaanfii kana keessaa qabdu illee dubbatanii jiran.

Garuu, tarkaanfiin Afrikaa qalbii namaa hawate kun hundee raafamaa irra jiraachuu isaa hubachiisan – Prezidaantichi Yunaayitid Isteets. Kanaaf sababaan, lammiwwan Afrikaa Miliyoona dhibba hedduutti lakkaawaman iyyuma baay’ee hamaa keessa jiraachuu isaanii fi ijaarsawwan jireenya bu’ura illee kan hin qabne ta’uu dubbatan.

Akka yeroo Keeniyaa daawwatan hubachiisan – Prezidaant Obaamaan karaa dinagdee dandeettii guddaa Afrikaan qabaachuu maltuuuf furtuu guddaan malaa-maltummaa yokaan kachachala qabeenyaa akka dhukkuba kaanserii ta’e dhabamsiisuu ta’uu dubbatan.

Prezidaantichi Yunaayitid Isteets ---“Tarkaanfiin guddina Afrikaa Dimookiraasummaa irratti hundaawa. Dimookiraasummaan kun immoo, maqaadhumaaf filannoo sirnaa geggeessuu jechuu miti” ennaa jedhan, uummata dhaggeeffatu irraa deebii simannaa guddaa argatan.

Hoogganoota Afrikaa – ennaa marsaan bulchiinsa isaanii dhumatu taayitaa irraa bu’uu didan ani hubachuu hin dandeenye ennaa Prezidaant Obaamaan jedhan, marsaan Prezidaantummaa Obaamaa illee xumuramuutti dhihaachuu yaadanii kolfan – dhaggeeffatoonni galma keessa turan.

Kabajamuun mirga dhala-namaa, wal-qixxummaa fi kabajamuun uummatoota maraa Afrikaa keessatti qofa otuu hin taane, guutummaa Addunyaa irratti karaa dhugaa gara guddinaatti geessu – jechuun haasawa fi daawwannaa isaanii seena qabeessan sana har’a xumuran, Preziedaantichi Yunaayitid Isteets.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG