Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Rakkoon ummannii keenya keessa jiru hagam ulfaataa ta’ullee mirga keenya karaa nagaatiin kabachifachuuf mala hedduutti jira”


Obboo Beqqelee Garbaa
Obboo Beqqelee Garbaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:17 0:00
Xurree marsariitii

Obboo Beqqelee Garbaa,itti aanaan itti gaafamtaa paartii Kongireesii Oromoo dhiyoo hidhaa bahe,Washington,DC kora OSA(Oromo studies association) Kora Qorannoo Oromo, irratti keesummaa ulfinnaa tahee dhufe.

Wannii Obbo Beqqeleen kora sun irratti dubbate ummatii Oromoo gama mirga namaatiin,gama dinageetiin,gama jireennatiiii fi gama hawasummaaitin maan keessa akka jiru ibse.

“Jiruu ummani keess jiru hagam akka ulfaatu mullisuu yaale, Oromoo irratti hagam akka xiyyeeffatan, barnoota gahaa argachaa akka hin jirreefi rakkoo hedduutti jira.Haa tahuuyyu malee gara fuulduraatti tarkaanfachuu malle.Kana gochuuf mala hedduutit jira mala nu(paartiin keenna) qamnu tokkichii karaa nagaatiin qabsaahuu.”

Amerikaa dhufuun ammoo, "akka ummatii qabsoo karaa nagaa kanaan nu gargaaru gaafachuuf dhufne.”

Gama kaaniin akka jecha obboo Beqqeleetti paartiin isaanii filannoo itti guutinsaa,ta ganna lamaan duubatti jalqabdullee irratti dorgomufu qophii jirti.

Waan obboo Beqqeleen jabeessee dhaamate keessaa tokko,”tana caalaatti ammoo wal ulfeessuuf tokkumma jabeessuu qamna.”

OSA 2015
OSA 2015

Gaafa obboo Beqqeleen Amerikaa dhufe diida xuyuraatii fi keessumatutu galma wal gahii OSA faatti nama hedduutti bahee simate.

“Gaafa dhufe simanna akkanaa hin eegne,nama hedduu tahanii na simatani bakka jiraadhulle naa tototlchani eegi gaafa dhufee kunuunsa guddaa anaaf tolchan.”

OSA 2015
OSA 2015

Obboo Beqqeeleen haajaa Amerikaa dhufeef fixannaan,hujii ufii ta durii, barsiisaa Ingilifffaa yuniverstii Fifnfinneetti deebi’uuf eeyyama waan argadhfee Fulbaan keessa

hujii jalqabaa jedha.

Abdii Nuuressaa
Abdii Nuuressaa

Hujii barsiisummaa qofaa mitii baranoota PhD jalqabellee fixuu fi hujii siyaasaa paartii isaaniillee walumaan oofuuf qophii jira.

Obboo Beqqelee fi nam kana isa badhaase Yaaddessaa Boojaa
Obboo Beqqelee fi nam kana isa badhaase Yaaddessaa Boojaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG