Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qoodii Aartiin Aadaa fi Eennummaa Oromoo Guddisuuf Qabdu Guddaa


Soorettii Kadir
Soorettii Kadir
Me tanallee caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:50 0:00
Xurree marsariitii

Mata-duree kora OSA bara 2015 Waashingiton,DC taa’e irratti dhiyaate keessaa tokko aartiin akkamitit aadaa fi seenaa Oromoo guddisuu dandeettii.

Aartiin (art) jechii Ingiliffaan kun ogummaa harkaatii fi qalbiiti.Ogummaa uumanii wa hojjachuu,suuraa harkaan kaasuu,gudnoo hodhuu, muka bocuu,fiilmii baasuu fi waan hedduu jechuu dandeenna.

Hujiin akkanaa tunini aadaa fi seenaa Oromoo gama hedduun guddisuu dandeetti.Warra kora OSA irratti waan aartiin dhiyeesse keessaa tokko Yaadessaa Boojaati,kaan Toltuu Tufaati,taan ammoo Sooretti Kadiriiti.

Yaadessaan Amerikaa godina Siyaatilii dhufe,Toltuu fi Soorettiin ammoo Awustiraaliyaa dhufan.

Yadessa Bojja
Yadessa Bojja

Yaadessaan yuniversitii Siyaatil (Seattle) keessatti nama barumsa komputeraa Graphic designer jedhan hojjatu. Alaabaa Waldaa Afrikaa ka amma jiruu kana isatti bra 2010 nama hedduu waliin waldorgomee moo’e.

“Perezidaantota Afrikaa cufaa wal argee $10,000 badhaafame.”

Aartiin waan hedduun eennummaa fi aadaa saba tokkoo guddifti jedha.

“Namnii akka Maartiin Luter King faan aartiin mirga ufi kabahciifatan.” Sooretti kadir ammoo hujii tajaajila ummataa(community service) hojjatti,tana maleellee nama walaloo barreessuun beekamu.

Maati ke biratti hin guddanne,sunu biyya alaa jiraattee akkamitti afaan Oromoo dandeettee jennaan.

“Aadaa fi afaan keenna akkamitti wallaalata…afaan ke eennummaa keetii, fiatti jiraa hawaasatti jiraa” jettee walalaloo Ingiliffaa fi Afaan Oromootiin wal walti maktee akka nama ufiin haasahuu walaloo naa dubbifte.

Toltuu Tufaa
Toltuu Tufaa

​Toltuu Tufaa ammoo itti gaafatamtuu dhaaba Afaan Publications jedhuuti. Toltuun Afaan Oromoo sadarkaa addunayatti guddisuuf kitaaba ijoolleen didiqqoon afaan irraa baratan sadarkaa sadarkaan barreessitee hujii isii ummata agarsiifachuuf addunyaa irra marti.

“Namii afaanii fi eennummaa ufii hin beekne ufi hin beeku,” jetti.

Jarii sadeenuu afaanii fi aadaa Oromoo aartiin guddisuuf hujiitti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG