Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addi Bilisummaa Uummata Tigraay Angawootaa isaa kaan aangoo irraa buusee kaan immoo bakka buuse


Namoonni 1500 kan irratti hirmaatan gumiiin 12ffaan adda bilisummaa uummata Tigray har’a waaree booda miseensota koree giddu galeessaa 45 filachuu dhaan xumurameera.

Gumiin guyyoota ja’an darbaniif geggeessamaa ture misooma, bulchiinsa gaarii fi dhimmootii siyaasaa hedduu irratti mari’achuu isaa dubbi himaa gumii Sanaa ta’uun isanii kan ibsame obbo Abbaay Tsehaayee dubbataniiru.Abbaay Tsehaayyee akka dubbatanitti keessumaa gumiin sun dadhabina dhaabichaa irratti fuuleffachuun mari’ate.

Gumiin kun qabsaa’ota dhaabichaa duraanii torba aangoo irraa buusee bakka isaanii ka biroo filatee jira. Kanneen keessaa afur obbo Abbaay Tsehaye, obbo Abbaadii Zemmuu, obbo Tsegaye Berhe fi obbo Teedroos Hagoos ennaa ta’an fedha isaaniin miseensa koree giddu galeessaa irraa kan bu’an sadii immoo, aadde Roomaan G/Sillaasee, obbo Teklewoyinii Asaffaa fi obbo Tewolde Berehe ti.

Kanneen aangoo gad dhiisan kunis waraqaa raagaa kabajaan aangoo dhiisuu kennameefii jira. Kanneen keessaa aadde Romaan misooni eegalame galma akka ga’uuf dhaloonni haaraan aangoo qabachuu qaba jedhan. Gumiin hiwehat 12ffaan har’a ennaa xumuramu obbo Abay Woldu dura taa’aa, Dr. Debretsiyoon G/Mikaa’el itti aanaa dura taa’aa gochuun filatee jira.

Akkasumas gumiin kun hoji raawwachiistuu hiwehat fi IHADEG sagal filatee jira. Kanneen kunis obbo Abbaay Welduu, Dr. Debre Tsiyoon /G/Mikaa’el, Dr. Tewdroos Adhaanoom, obbo Beyene Mekruu, aadde Azeb Mesfin, obbo Alem Gebre waahid, obbo Getachew Asaffaa, Dr. Adis alem Baallemaa fi aadde Fetle work G/Igzaber turan. Gumiin IHADEGIS dhiyootti magaalaa mekeletti kan geggeessamu ta’uun ibsameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG