Xurree ittiin seenan

Gaaffii hanqina nyaataa kutaalee Itiyoopiyaa mudateef deebii nan kenna jedha mootummaan

  • Mallaskaachoo Ammahaa

OCHA

OCHA

Itiyooopiyaa keessatti kan uumame gaaffii gargaarsa namoomaaf deebii barbaachisaa kennaa jiraachuun beekame. Haa ta’u malee maallaqi itti dabalaa hatattamaan kan barbaachisu ta’uun ibsameera.

Hanqina rooba baranaaf sababaa dha kan jedhame dhiibbaan Elniinyoo hanga baatii Ebla dhufuutti itti fufa yaaddoo jedhu dhaqqabsiisee jira.

MeleSkachew Ameha Finfinnee irraa akka gabaasetti Tokkommaa mootummootaatti waajjirri qindeessa gargaarsa namoomaa dameen Ethiopia OCHA-N ibsi Wixata darbe baase akka jedhutti mootummaan Itiyoopiyaaf dhimmootii namoomaa irratti qaamonni michoota isaa ta’an gaaffii gargaarsa namoomaaf deebii kennaa jiran.

Xumura torban darbee qabee maallaqa gargaarsa namoomaa bituuf oola jedhame keessaa walakkaan isaa argamuu gabaasi OCHA kun beeksiseera. Kun immoo mootummaan Itiyoopiyaa naannolee akkaan yaaddessoo ta’aniin gargaarsa ga’uuf kan remade qarshii milyoona 700 ykn doolaara miliyoona 33 kan dabalatu miti jedha ibsi kun. Itti dabaluu dhaanis ibsi kun akka tuqetti akka gamaaggama fedhii gargaarsa namoomaa isa haarawaatti gargaarsi barbaachisu qarshii dhaan ennaa herregamu dhibba irraa harka 10.6n ol ka’ee jira.

Itiyoopiaa keessaa barana bokkaan arfaasaa dhabamuuf akkasumas naannolee adda addaatti immoo roobi hanga eegameen roobuu dhabuuf sababaan Elniinyoon mudachuu isaa hanga Ebla waggaa dhuftuutti itti fufa jedhamee kan sodaatamu ta’uu gabaasi torbanii kan OCHA kun beeksisee jira.

Miidhaa roobi arfaasaa dhabamuu ykn hanga barbaadameen gad ta’uu dhaqqabsiise ragaa dhumti waajjira OCHA kana irraa argame ibseera. Keessumaa kutaaleen Itiyoopiyaa midhaan yeroo arfaasaa biqilchan fi naannoo laga Tekezetti kan argaman naannoleen Amaaraa, Tigray, naannoo Afar zoonii tokkoo fi sadii bakka gad jedhaa naannoo Gamuu Gofaa, Haadiyaa, Kambaataa Xambaaroo, Sidaamaa, Silxii, zooniiwwan Walaayitaa fi aanaa addaa Alaabaa, naannolee Arsii gad jedhoo, Boorana, naannolee Oromiyaa Bahaa fi zooniiwwan Harargee, kutaalee kibba Shabalee kan ta’an Afder, Libarii fi sittii, duraan shinillee jedhamuun kan beekamu naannoon Somaalee naannolee akkaan miidhaman ta’uu ragaan kun tarreessee jira.

Gama biraatiin immoo deggersa dhaaba misooma sadarkaa addunyaa USn hojii isaa kan geggeessu caasaan dursee akeekkachiisa beelaa ragaan dhiyeesse, yeroo arfaasaas ta’e yeroo gannaa roobii roobeef ammas roobaa jiru hanga barbaachiseen gad ta’uu mirkaneessee jira.

Kunis kan hongeen naannoo Affaarii fi Somale keessaatti uume beeladaalee irraan miidhaa guddaa ga’uu tarreessee jira. Horsiisee bulaan naannoos galii fi nyaati isaan beeladaalee irraa argatan hin jiru jedhee jira.

Mootummaan michoota isaa waliin ta’uun torban darbe ibsa baaseen akka gamaaggama haala gargaarsa yeroo hatattamaa xumura baatii Adoolessaatti lakkoobsi gargaaramtootaa miliyoona 2.9 gara miliyoona 4.5tti kan ol ka’e ta’uu beeksisee jira.

Waajjira tokkummaa mootummootaatti eeggataa itti gaafatamaan waajjirri qindeessa dhimmootii gargaarsa namoomaa David Dale Conte gara fuula duraatti mootummaaf qaamotiin michoota isaa ta’an wal ta’anii tuuta oduuf ibsa kan kennan ta’uu tuqanii gaaffii fi deebii akka kennaniif yaada ani dhiyeesseef yeroof haa turu jedhan jechuu dhaan Meleskachew Ameha Finfinee irraa gabaaseera.

XS
SM
MD
LG