Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr.Lookoo Duubaa Ta Booranaa Fixxee Amma Baddaa-Gammoojjii Arsii, Raayyaa Keessa Deemtee Seenaa Qorachuutti Jirti


Dr.Looko Duubaa(Chikaagee)
Dr.Looko Duubaa(Chikaagee)
Dr.Lookoo Duubaa kutaa lammeessoo
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:01 0:00
Xurree marsariitii

Maqaan warrii isii ka Jappaan baaseef Chicagee Oba-Smitd. Ganna saddeetti Booranatti dedeebihaa aadaa fi seenaa barattee barreessite achumaan Lookoo Duubaa jedhanii baasaniif.

Dr.Lookoon akka warrii baaseefitti Chicage Obstds dhalootaan Jappaan barumsa Anthropology barattee PhD argatte.

Eegii aadaa fi seenaa Oromoo barachu jaloqabde ya turte.Baddaa-Gammoojii Oromiyaa hedduu keessa martee wa qoratti. Gaafa kora OSA,Waldaa Qorannoo Oromootiif WDC dhuftellee aadaa baratte sun kora sun irratti dubbatte.

Baaddiyaa Arsii,Baalee,Raayya,Booranaa irra martee aadaa fi seenaa barreessiti.

Oromoo Arsii adoo akkanuma faana dhooftuu Raayyaa geette.Warrii Raayyaa Arsii dhufnee ufiin jedhaa jetti.Abbaa isaanii haga 12 gaafattee seenaa isaanii qoratti.

Seenaa Oromoo maaf akkana barattaa jennaan; “Warri kun warra seenaa guddaa qabu,bara qubeen hin jirretti warra seenaa afaaniin dubbatee mataa keesatti qabatee dubbatu.”

Gaafa Boorana jirtu akkuma warra baaddiyaa bisaanii fi qoraan dhaxxee jrieenna baaddiyaa baratte.Haroo bisaan dhaxxellee hin qaabatti. ”Haroo Kinniisoo,Eela Gaayoo fa waraabbanna.”

Tapha ykn sirba yoo qoraanii-bisaan dhaqan sirban qaabattaa jennaan “sorooroon aayyaa sorooroo.”

Kitaabii Dr.Lookoon seenaa irratti barreessite fuula 800 bara 2016 Jeremenii keessatti baha.Kitaaba 500 bahu kana keessaa “40 qofa fudhadhee warra huji tana na gargaare Boorana jiruu kenna 450 hafe mootummaa Jappaanitti gurgura.”

Nama aadaa barachuu fedhuun maan jetta jennaan “ijoollee dargageessaatiin aaadaa jabeessii aadaan yo badde lammeesos hin dhufutu nama irraa aadaa baradhu,jaarrolee irraa baradhu.”

Kitaaba Dr.Lookoo dhaaba Jeremitti kitaaba maxxansee LIT Verlag jedhaniti ara 2016 keessa baasa.Dhaabii kun bara 1980 keessa hujii jalqabe. Berlin, Vieanna, Hamburg, London,Zurichfi New York damee qaba.

Waan Dr.Lookoon seenaa fi aadaa Arsiiti fi Raayyaa irratti barreessuutit jirtu qophii itti aantutti itti deebina.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG