Xurree ittiin seenan

Hojjettoonni qooda biyya tokkoof gumaachaniif kabajaan yaadatamuu qabu

  • VOA

Ameerikaa keessatti Fulbaanni torba ayyaana waggaa ti. Guyyaa hojjettootaa jechuun kabajamee oole. Hojjettoota warsaa keessaa kanneen kaffaltii gad aanaa argatan kabajaan yaadachuuf jecha waggoota 100 dura jalqabame.

Jim Teddor Guyyaan hojjettoota yeroo xumura baatii bonaa ta’uun beekama. Ijoollee hedduun guyyaa hojjettootaa kana booda mana barnootaatti deebi’u. Yeroon bonaa aduu ho’aa qabus qabbanaa’aa adeema. Lammiiwwan Ameerikaa hedduun alatti ba’uu dhaan maatiiwwan isaanii waliin irbaata qooddatu.

Haa ta’u malee guyyaa hojjettootaa ayyaaneffachuun kun qabsoo dhaan jalqabame. Caamsaa 1 bara 1889 hojjettoonni daandii magaalaa Paaris irratti hiriira mormii ba’an. Guyyaan hojjettoota sadarkaa addunyaas achumaan jalqabame. Biyyoonni industriin badhaadhan hedduun US fi Canadan irraan kan hafe guyyaan hojjettootaa Caamsaa tokko kabaju.

Guyyaan hojjettootaa Ameerikaa kan jalqabaa kan kabajame Fulbaana shan bara 1882 magaalaa Niew York keessatti ture. Hojjettoota kuma 10 ta’antu waldaan hojjettootaa cimaa ta’uu isaa mul’isuuf jecha daandiiwwan irratti ba’uu dhaan hiriira nagaa geggeessan.

Erga Sanaa jalqabee waggoota hedduuf hojjettoonni lammiiwwan Ameerikaa baatii Fulbaanaa Wixata hojjettootaaf haalli hojii fi kafaltii isaanii akka fooyya’u gaafachuuf itti fayyadamu. Muuziqaan qaama ayyaaneffannaa kana irra hedduu ti.

Faaruun waa’ee hojiif faarfatame aadaa dhaan waa’ee seenaa walitti bu’iinsaa, abdii fi jireenya waayyaawaa argachuu ti.

Faaruun lammiiawwan Ameerikaa hedduun kan dhufan hojjettooa cilee qotan kanneen gama kibbaa biraa ti. Abbootiin qabeenyaa kampanii bakka cilee qotan kanaa waldaa hojjettootaa akkaan mormu. Kutaa Kentucky keessaa poolisiin kampanichaa hoogganoota waldaa Sanaa barbaadaa turan. Mana jireenyaa hojjettoota Sanaa guyyoota hedduuf dhaabachuu dhaanakka isaan waldaa sana hin qindeessine ugguraa turan.

Haati manaa hojjetaa warra cilee qotu keessaa tokko kan ta’an Florence Reece ijoollee isaanii waliin manuma keessa turuu dhaan faaruu “ Which Side Are You On?”.

Faaruu ka biron waa’ee dubartoota sochii hojjettoota keessa jiranii illee baruma sana keessa ba’ee jira. Dubartoonni yeroo sana warshaa keessaa hojjetaa turan haalli jireenya isaanii cimaa ture. Ibiddi warshaa huccuu keessaa ka’e illee namoota 146 galaafate. Irra hedduun isaanii dubartoota koolu galtootaa turan.

Faaruun sun ba’ee baatii tokko dura hojjettoonni warshaa kutaa Massachusetts keessa jiran hookkara hoji dhaabinsaa geggeessuu dhaan momiin isaanii sun mindaa fi haalli hojii isaanii akka wayyaawu taasise.

Hara uummati irra hedduun ayyaana kana yeroo boqonnaa dheeraa kan baatii bonaaf itti fayyadamu. Agarsiisa adda addaa, hiriiraawwan keessumaa yeroo filannoon itti dhiyaataa jirukanatti geggeessamaa jira.

Hedduu dhaaf guyyaa hojjettootaa jechuun bonni utuu hin darbin, manni barnootaa waggaa itti aanuu utuu hin jalqabamin dura guyyaa hojiin itti hin hojjetamne jechuu dha. Yeroo booda haalli hojii US keessaa ni jijjiirame Lammiiwwan Ameerikaa itti dabalaa amma waajjira keessa hojjetu. Guyyaa hojjettootaa kanaaf beekkannaan kan kenne dinagdeen Ameerikaa guddachuuf milkaa’inni hawaasaa jiraachuu ta’us Ayyaanni kunis hojjettoota biyyattii gidduu hariiroon jiru dhugoomee jira.

XS
SM
MD
LG