Xurree ittiin seenan

Tajaajilli daandii baabura Finfinnee Dilbata Eegaluuf jira

  • Eskinder Frew

Daandiin baaburaa dheerina km 34 qabu kan magaalaa Finfinnee guutummaatti ennaa hojii jalqabu rakkoo geejjiba magaalattii attamiin hanqisuu akka danda’u itti gaafatamaan quunnamtii korporeeshinii daandii baabura Itiyoopiyaa Obbo Derejjee Teferraa ibsanii jiran. Baaburri kun ennaa hojii jalqabutti imaltoota kuma 60 yeroo tokko fe’ata. Kan jiran baabra 41. Baaburri tokko hanga namoota 317tti fe’uuf dandeettii qaba.

Baaburri 41n yeroo tokkicha kallattii arfaniin ennaa sosso’an imaltoota kuma 60 deddeebisuu danda’u jechuu dha. Kunis sa’aatii tokko keessatti. Baaurri tokko tokkoon isaa daqiiqaa ja’a ja’a turee akka dhufe ta’uun qophaa’e. amma yeroo jalqabnu daqiiqaa ja’a ta’uu dhiisuu mala. Gara fuula duraatti garuu baaburri adda addummaa daqiiqaa ja’aatiin dhufa jedhan.

Imaltoonni baaburri inni duraa jala ba’e isa itti aanu daqiiqaa ja’atti kan argatu ta’uu ka ibsan itti gaafatamaan kun yaalii gochaa akkuma adeemneen immoo sirreessaa deemna jedhan. Bakki baaburri kun akka irra deemu filatame bakka imaltoonni hedduun irra deddeebi’an ta’uu ibsanii rakkoo geejjiba magaalaa Finfinnee kan hiiku kan qofaa miti jedhan.

Geejjiba uummataa ennaa jennu atoobisiiwwan saffisaan adeeman Finfinnee akka seenan taasisamu. Karoorri qabamee jira. Kun martinuu ennaa ida’aman rakkoon geejjiba magaalaa Finfinnee ni hanqata jechuu dha. Kana qofaa utuu hin taane kutaa lammataa kan karoora guddinaa fi transformation-tti kan ijaaramus jira. Daandii baaburaa ka birootu Finfinnee keessatti diriirsama, ni bal’ata jechuu dha.

Mootummaan Itiyoopiyaa Karoora guddinaa fi transformation Itiyoopiyaa kutaa lammataa waggaa haaraatti beeksisee jira. Karoorri kun immoo waggaa shaniif kan ture si’a ta’u yeroo kana keessatti daandiin baaburaa km hagamii akka diriirfamu obbo Dereje Tefera gaafatamanii:

Hanga km 72 hojjetama jedhamee eegama. Isa ammaa utuu hin dabalatin. Kanneen kun immoo lafa jala kan diriirfaman ta’u jechuu dha. Ijaarsi daandii baaburaa kutaa lammataa irratti kan dhaabatu hin ta’u. kutaa 3ffaa 4ffaa jechuun akka dandeettii keenyaatti iti fufee caasaa geejjiba magaalattii waliin kan wal qabatu ta’uu qaba jedhan.

Rakkoon geejjiba magaalattii furamuu kan danda’u tajaajila geejjibaa xixiqqoo kanneen kennan konkolaattonni xixqqoon gandeen keessaa namoota funaanuu dhaan gara daandii gurguddootti geessu. Daandii gurguddaa irratti ennaa ba’an immoo baaburri kun uummata deddeebsa jechuu dha jedhan obbo Dejejjeen.

Atoobisiiwwan fuula duratti dhufaniif gatiin geejjiba baabura kanaa humna namaa kan gitu ta’a, tjaajilli isaan Kannan kan jabanaa fi teeknooljii yeroo ammaa kan qabaatan ta’u jedhaniiru. Gaaffii namoota baay’ee kan ta’eef baabura salphaa inni jedhu maal akka ta’e obbo Derejjeen ennaa ibsan:

Baaburri kun salphaa waanti jedhameef tokkoffaa geejjiba qofaaf malee mi’a fe’uuf hin oolu. Lammaffaan immoo fageenya inni adeemu. Baay’ee gabaabaa dha.

Fakkeenyaaf kan Jibuutii yoo ilaalte, Finfinnee qabee hanga daangaa Jibuutii Dawalleetti km 656. Achii immoo hamma Jibuutiitti km 100. Walumaa gala km 756 kanaaf baabura salphaa ittiin jechuun hin danda’amu. Baaburri akkasii imaltootaafis mi’a fe’uufis ni oola jedhaniiru.

Baaburri akkasii egaa fe’umsa qooraa fi dhangala’aa, beeladaalee kkf fe’u. baaburri daandii sana irra deemu ka biroonis hanga km 1118 deemu.

Babura Finfinnee salphaa ta’e garuu furgoo isaa tokko hanga nama 64 kan qabu si’a ta’u guutummaan baaburichaa garuu hanga namoota 317 fe’uu danda’a jedhan obbo Derejjeen.

Irra hedduu namoonni baabura kana keessaa daandii gabaabaa waan deemaniif jecha dhaabatanii adeemu. Jibuutii ennaa dhaqxu garuu namni km 756 dhaabatee deemuu hin danda’u. kanaaf kan isa magaalaa Finfinnee fageenya gabaabaa waan deemuuf salphaa jedhame jedhan.

Waa’ee qulqullinaa gama ilaaleen walumaa gala hadiiddi baaburichaa haala inni itti diriirfame Biyyoota ka biroo keessatti kan geggeeffaman ijaarsa daandii baaburaa waliin wal bira qabamee ennaa ilaalamu maal fakkaata? Issa jedhuuf obbo Derejjee Teferraan ennaa deebsian:

Baaruraawwan Itiyyoopiyaa keessatti hojjetaman ulaagaa sadarkaa addunyaa kan eegani. Ulaagaa sadarkaatu jira. 1.46 kan jedhamu. Sana kan eege dha. Baaburri salphaan Finfinnee kun isa kan Jibuutii waliin wal arga. Kan Awash, Weldiya Meqelee waliin wal arga. Finfinneen qofaa dallaa ofitti ijaartee hin teessu.

Uummati Finfinnee dhaa ka’ee karaa buufata Sabbataa gara Jibuutii, Dirre Dhawaa Me’isoo fi gara kutaa gama bahaa bakka barbaade dhaquu danda’a.

Kun egaa kutaa lammataa kan karoora jiruu irratti hojii irra kan oolu ennaa ta’u baaburri Finfinnee dhaa ka’e sabbataa erga ga’ee booda achii itti fufa. Gama dhiya biyyattiis kan dhaqu Sabbataa irraa ka’ee gara Amboo Ijaajjii, Jimmaa, Beddellee, qabee hanga Sudan kibbaatti ka deemu ta’uu itti gaafatamaan quunnamtii uummata korporeshinii daandii baabura Itiyoopiyaa ibsanii jiran.

Ulaagaan kun egaa Itiyoopiyaa keessa qofaa utuu hin taane caasaa geejjiba biyyootii hollaa waliin wal qabsiisuu illee qabaachuu dubbataniiru itti gaafatamaan kun.

Kanaaf qulqullinni furgoo baaburaawwan kanaa kan jabanaa fi teeknoloojii hammayyaa kan hordofan ta’uu dubbatan. Baaburri kun waraqaa ragaa ykn mirkanuu argataniiru? Isa jedhuuf obbo Teferran yoo ibsan gaaffilee kuma sadii dhiyaatan keessaa kan hin guutne 40 qofa jedhan. 40n kunis hedduu salphaaf guyyoota lamaa fi sadii keessatti dhumatu jedhaniiru. Waraqaa ragaa kanas kampanii SHENZEN jedhamuuf ulaagaa sadarkaa addunyaa eegeen kennama jedhan.

Kutaalee biyyattii kanneen biroo keessattis projektiin daandiin baaburaa ijaarmaa akka jiru beekamaa dha. Kanneen keessaa naannolee Itiyoopiyaa ka biroo isa kaan waliin kan wal agarsiisuuf dhiyootti tajaajila kennuu kan jalqabu yoo jiraate gaafatamanii obbo Derejjeen akka jedhanitti:

Projektiin Finfinnee dhaa qabee, Sabbataa Me’issootti hamma Dawwallee jibuutii-tti jiru hojiin hadiida diriirsuu baatii Caamsaa keessa xumurameera. Kallattii lamaanuutiin. Gama Jibuutii-tiinis baatii Adoolessaa keessa hanga buufata NEGEHAD jedhamutti xumurameera. Amma furgoowwan baaburaaf oolan dhufaa jiru. Ijaarsi isaas Onkoloolessa keessa xumurama jeennee eegna jedhan

Daandiiwwan elektrikii diriirsuuf utubaawwan dhaabamanii hojiin isaa geggeessamaa jira. Biyyattiin kan hordoftu tarsiimoo misooma magariisaa waan hordoftuuf jecha Itiyoopiyaa keessatti kan hojjetan baaburaawwan martinuu humna elektrikiin hojjetu jechuu dhaan itti gaafatamaan quunnamtii uummataa korporeshinii daandii baabura Itiyoopiyaa obbo Deereje Tefera VOAf ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG