Xurree ittiin seenan

Belaynesh Olijiraa Bogotaatti km10 Moote,Atileetotii Itoophiyaa Dorgommii Koongootti Ammoo Medaaliyaa 22 Haratan

  • Soraa Halakee

Belaynesh Oljira bara 2014 Dorgommi Beejing irratti (AP Photo/David J. Phillip)

Belaynesh Oljira bara 2014 Dorgommi Beejing irratti (AP Photo/David J. Phillip)

Atileetotii Itoophiyaa hagii guddaan naannoo Oromiyaatii dhufan dorgommii biyya alaa irratti badhaasa hedduu guurrachumatti jiran.

Belaaynesh Oljirraa fiigicha km 10 Bogota Kolombiyaatti Fulbaana 20,2015 dorgoman irratti tokkeesso baate.

Belaaynesh atileetii ganna 25ti dogrommii addunyaa irratti duruu guddoo beekamtu. Fiigihca km 10 Bogota Kolombiyaatti dorgoman irratti tokkeesoo baate.

Belyaanedha akkuma ganna dabaree baranallee metrii 1200 haftee jennaan atileetii Keenyaa Veronica Nyaruai lakkiftee bira dabartee dorgommii tana daqiiqaa 33:57 moote.

Lammeesoon Veronikaa sadeessoon ammoo Buze Dirribaati Atileetiin Itoophiyaa ta dhbiin Misikir Mekonnin torbeesso baate.

Gam kaaniin ammoo Itoophiyaan dorgommii All African Games Koongoo Biraazaavilitti dorogmna irratti madaaliyaa 22 argatte.Itoophiyaan atileetiksi qofa adoo hin tahin Tekuwaadoo fi boksiilleen ya drgomte.

Dorgommii All Afifcan Games,Biraazaavil 2015

Dorgommii All Afifcan Games,Biraazaavil 2015

​Afrikaa keessaa akka jecha daarekterii teknika biyyoolessaa jedhettu Itoophiyaan gama atileetiksiitin Afrikaa keessaa Aljeeriyaatti aantee lammeessoo taate.

Koongoo Biraazaavil biyya Afrikaa gama Dhihaati.Torbaan sadeen dabaranitti biyya tanatti atileettoa kuma kunrya hedduutti biyya cufaa keessaa dorogmmoo All Afrikaa Games jedhaniif itti dhufe.Dorgomiin tun 11essoo. Atileetota kuma 15 tahanitti istaadiyoomii biyya sunii keessatti walti awwaarsaa bahe.

Dorgommii biskileetti,wallaansoo, karaatee, Juudoo, boksii,Tekaandoo fi walumattu dorgomii ispoortii 22 tiif walti dhufe.

Itoophiyaan dorgommii tanaaf atileetota 68 ergitee madaaliyaa 22 argatte.

XS
SM
MD
LG