Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Fonqolcha Mootummaa Burkina Faasoo waraana biyyattii waliin marii irra jiru


Loltoonni waraana Burkina Faso hoogganoota fonqolcha mootummaa akka harka kennan mari’achuuf magaalaa galma mootummaa biyyattii Ugaaduuguu ennaa seenanitti presidentiin mootummaa ce’umsaa Michel Kafando gad dhiisamuu isaanii Ambasaddorri Ferensaay beeksianii jiru.

Ibsi waraana biraa ba’e akka jedhutti humnootiin hidhatan magaalattii kan seenan dhiigi utuu hin dhangala’in mootummaa deebisanii qabachuu yaaluuf jecha.

Kaleessa foonqolcha mootummaa kan hoogganan General Gilber Diendere ibsa baasaniin taayitaa akka hoogganaa biyyaatti qabatanii jiran xumura marii jaarsummaa ECOWASn geggeessameen booda kan gad dhiisan ta’uu beeksisan. ECOWAS haala jiru irratti mari’achuuf jecha magaalaa Nigeria keessatti gumii hatattamaa geggeessaa jira.

Generalichi tuuta oduuf ibsa kennaniin waraanni dura dhaabbannaaf eeyamni kennameefii jira ka jedhu haalanii jiran.

Waardiyaaleen presidentummaa kan Rsp jedhaman lola hin fedhan jedhan. Yoo barbaachise garuu of irraa ittisu. Garuu aangoo qabachuf jecha dhiiga hin dhangalaasan. Biyya tajaajiluu fedhan keessatti fixiinsa raawwachuun barbaachisaa miti jedhan.

Kan Roobii darbe president Kafando to’annaa jala oolchuu dhaan hoogganaan waardiyaa presidentummaa General Diendere-n biyyattii dhiifama gaafachuu dhaan aangoo mootummaa siiviliitti dabarsnii kennuuf karoorfachuu beeksisan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG