Xurree ittiin seenan

Breaking News

Woorkshooppiin Sudaan Kibbaa Walii galtee malee Xumurame


A soldier performs a mock rescue during a ceremony to mark Pakistan Defense Day in Lahore.
A soldier performs a mock rescue during a ceremony to mark Pakistan Defense Day in Lahore.

Yeroo gara torban tokkoo ta’uuf ka Finfinnee keessatti geggeessame Woorkshooppiin Walii-galtee araaraa Sudaan Kibbaa irratti fuuleffate baa’iin isaa maal akka tahe garee araara sana geggeessu IGAAD irraa ibsi haga ammaatti kenname hin jiru. Dubbi-himaan mormitootaa Diksen Kaaluwaak garuu, walii-galtee dhukaasa-dhaabinsaa dhaabbataa fi caasaa naga-eegumsaaka Mootummaa Cehumsaa gad-dhaabuutti ka fuuleffate Woorkshoophhin sun, otuu walii-galtee irra hin ga’iin xumuramuu isaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsan. Dhimmoota ijoo ta’an kana irratti gareeleen lameen walii-galtee irra hin ga’an taanaan rakkisaa dha. Gara fuul-duraatti tarkaanfatan iyyuu fagoo hin geenyye jedheen yaada, jedhu dubbi-himaan garee mormitootaa Diksen Kaaluwaak.

Gareeleen Sufdaan Kibbaa wal-mormana lameen, Woorkshoopphii Finfinneetti geggeessametti hirmaachuun isaanii – walii-galtee dhuma Hagayaa irra waliin mallatteessan akkaataa itti hojii irra oolchan irratti dubbachuuf ture. Akka walii-galtee sanatti, magaalaan Jubaa akka waraana irraa walaba taatu walii-galan iyyuu, humni Poolisii yokaan naga-eegumsaa mgaalattii keessa qubatu meeqa haa tahu? ka jedhu irratti haga ammaatti walii-hin galle, jegha gabaasaan keenya – Iskindir Firew, Finfinnee irraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG