Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr.Galma Guyyoo Ogeeyyota Fayyaa Waldaan Afrikaa Eboolaatti Duulchisuuf Laaybeeiryaatti Erge Keessaa Tokko


Dr.Galma Guyyoo
Dr.Galma Guyyoo
Tana caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:57 0:00
Xurree marsariitii

Nami hagii tokko durii dhukkuba kana Raaree irratti arganii,Jaldeessii Gaaraa Raaree nyaatee namii ammaoo Jaldeessa Gaaraa nyaatee achumaan dhikkubi kun lafa cufa waliin gahe jedha.

Woma taateefuu Eboolaan dhukkuba adudnyaan bara hedduun afaan itti wallaalte nama kuma kurnya hedduu irraa fixe.

Dr.Galma Guyyoo Eboolaatti duuluuf Laaybeeriyaa dhaqe
Dr.Galma Guyyoo Eboolaatti duuluuf Laaybeeriyaa dhaqe

Eboolaa kana qaraaAfrikaa gama Dhihaatti argan,achii kuma hedduu fixee miliyoona hedduu sodaachisaa bahe.

Nama dhiba kana irratti argan ta waaqaa malee afaaniin funnaanii dhiigi xinnissee yoosu ijjeesa.

Namii Eboolaatti duulu ufi kopheessee baha
Namii Eboolaatti duulu ufi kopheessee baha

​Hammeenna dhukkuba kanaa arginaan kaan manneen amanti ufiitti kaan ammoo beekumsaa fi qarooma ufii abadatee falachaa bahe.

Woma taateefuu addunyaan falachuma falattee dhukkuba keessumattu Laayberiyaa, Nayjeeriya,Seraaliyoonii,Giini fi biyya akka akkaa argan kana achumatti ufi irraa dhoortee akka innii addunyaan waliin hin geenne ogeeyyii fayyaa biyya sunitti ergitee ummata barsiisaa waan hedudun gargaarte.

Doktoroota hujii tanaa Laaybeeriyaa gama Waldaa Afrikatiin Laybeeryati ergan keessaa Dr. Galma Guyyooti. Dr.Galmii Keenyaa godina Marsabeetii dhufe.Achitti Itti gaafatamaa Tohannoo Dhukkuba Daddabraati.Haga hujii teesso mootummaa laaybeeryaa, Monorooviyaa dhaqee ji’a sagalii oli.

Keenyaa ogeeyyota fayyaa 92 Laayberiyaatti ergite;narsii, hojjattoota laabratoorii,itti gaafatamtoota fayyaatii fi nama akka akkaati.Doktor Galmii damee fayaa Epidemiology jedhan keessaa dhufe.Warra sanyii dhukkuba tokkoo,amala isaa,akka nama irraa dhowwaniin fi waan dhibii tokkoo qoratu.

Hujiin warraa guddoon waan dhukkuba kanaa irratti ummata barsiisuu,ogeeyyii fayyaa leenjisuu,nama milikeeta dhukkuba sunii irratti argan faana deemanii qorachuu.

Duula Eboolaatti duule
Duula Eboolaatti duule

"Namii milikeeta dhukkubaa irratti argan hardha eessa oolee, gaarii (makiinaa) kamiin deeme,eennuun wal waldahe jedhaa bultii 21 gula deemanii laalan.”

Laaybeeriyaa keessa amma Eboolaa keessa hin jiru; “dhukkuba gartee yoo bultii 42 keessatti hin argin lafti sun dhukkuba sun hin qabduu jechuu.Nu amma eeguma dhukkbuii kun hin jiruu jedhaniin bultii 42 bira dabarree haga bulti 61 hin argamne jechuu.Haa taatuu malee yaanee nama daliila(milikeeta) dhukkuba sunii qabu hinuma odeeffanna.”

Dr.Galmii faatii amma dhukkubi kun hin jiru jedhanii galuutti jiran.Laayberiyaa isan bira yaatan tun haga ufi dandeette jennaan, “amma warrilleen ufi dandahaa,[hojjattootii fayyaa isaanilleen] duri afaan dhiba kana hin beekanii amma ya itti bayyatanii amma adoo dhukkubii kun gadi deebihellee warri ya ufi dandahee tanaaf galuutti jirra.”

Laaybeeriyaatti durii namii Laaybeeriyaatti Ebola irratti argan akka jecha Doktor Galmaatti akimachuullee hin fedhu maan jennaan silaafuu hin fayyuu jedhan.Taatullee namii amma waan dhiba kanaa baratee ufumaan dhufee akimata.

“Durii halkan fa dhossaan nama awwaalan waan irra rafan baasanii guban,alatti bahu dhowwanii dhossanii nyaachisanii obaasan.”

Akka gabaasa Dhaaba Fayyaa Addunyaa(WHO)tti bara 2014 jalqabee nama 4,800 caalaatti Laaybeeriyaa keessatti lubbuu dhabe.Ogeeyyota fayyaa adduynaa dhiba kanaan wallaanuuf Laayberiyaa dhufan keessaa ka lubbu dhabanilleen hinuma jiran taatullee akka jecha Doktor Galmaatti nama Waldaan Afrikaa erge keessaa namii lubbu dhabe hin dhageenne.

Dr.Galmaafi nama innii wallaanuuniitti jiru
Dr.Galmaafi nama innii wallaanuuniitti jiru

​Durii nama dhiba kana irratti argani dhossanii awwlaani ykn dhossani guban amma ammoo akka doktora Galmaatti namu akkuam aadaa fi amantii isaatti warri hujii tana hojjatu awwala.

Dr.Galmii ganna 17 ogummaa ufiitiin hojjatte.Addunyaatti dabalamtee Eboolaatti duulu irraa maan baratte jennaan “barannoota guddaa argadhe yoo lafa tiyyalleetti gale barsiisuu malee yoo COUNTY ykn godina kiyya (Masrabeete) deebihellee waan hedud barsiisu dandaha.”

Dr.Galmi faatii gareen fayyaa Walda Afrikaa African Support to Ebola Outbreak in West Africa (ASEOWA) fulaa bu’anii hujii tanaa Laaybeeriyaa dhaqan. Jireenni Laaybeeriya maan fakkaata?Isaniin ummata gargaaruf yaatan kun du’aa fi jireenna jiddu hojjattanii,biyyiti biyay dhukkuba hamaa qabdu akkamitti ufi eeddan?Nyaataa dhugaati gadi baatanii bitattan moo,manatti dhaabattan mo jireenni keessan maan fakkaata?

Waan hafe Kamisa torbaan dhufuu itti deebinaa nu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG