Xurree ittiin seenan

Breaking News

BBCn Akka Afaan Oromootiin Sagantaa Jalqabu Namoonni Kuma 35 Caalan Mallattoon Gaafatan


BBC Oromo
BBC Oromo
Gabaasa kana caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:29 0:00
Xurree marsariitii
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:26 0:00
Xurree marsariitii

Korporeeshiniin Tamsaasaa Briteen, BBCn, Afaan Oromootiin sagantaa tamsaasaa akka jalqabu gaafachuudhaan, dulli mallattoo deggersaa walitti-qabuu kuma soddomii shanii ol ga’uuu isaa, qindeessitoota duulichaa keessaa tokko ka ta’an, Dr. Birhaane-Masqal Abbebee Sanyii Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

BBC-n, afaan biyyoota dimookiraasummaan itti hanqatuu, akka kan Itiyoophiyaa, Ertiraa, Raashiyaa fi Kooriyaa Kaabaatiin sagantaa isaa tamsaasuuf akka qorataa ture ka dubbatan, Dr. Birhaane-Mesqel, “deemsa kana keessatti, afaan mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa, Afaan Amaaraa, afaan mootummaa Ertiraa, Afaan Tigiree waan ta’een akka afaanneen kanaan jalqabuu malu yaaduudhaan, uummata Itiyoophiyaa keessaa gara walakkaatiin k dubbatamuu fi biyyattii keessatti ka guddaa tokkicha ka ta’e - Afaan Oromoo akka hin dagatamne hubachiisuuf, uummatni Oromoo Itiyoophiyaa keessaa baay’inaan 40% tahu, afaan isaatiin oduu Addunyaa irraa akka dhaga’uuf carraa bal’aa argatu gochuuf gaaffii kana jalqabne,” jedhu.

Sababaa Afaan Oromoo mootummaa Federaalaa keessatti ittiin hin hojjetamneef jecha, ka’imman Oromoo bifa hedduun miidhamaa jiru, manneen hojii federaalaa biyyattii keessaa alatti afanii jiran, carraa sadarkaa federaalaatti kennamu keessaa qoodamaa jiru – jedhanii, rakkoon dhaloota Oromoo mudate kun haala amma jirutti itti fufnaan mirga uummatichi biyyattii keessatti qabaachuu malee fi tokkummaa biyyattiif illee miidhuuf akka qooda guddaa qabu dubbatan.

Sababaa kanaa fi ka biroo barbaachisoo ta’an hedduuf jecha, akka Afaan Oromoo, Itiyoophiyaa keessatti afaan Amaaraa biratti afaan hojii federaalaa tahu, gaafachuuf marii fi qophii jalqabnee jirra, jedhu. Kanneen yaada kanatti walii-galanii gaaffii kanatti hirmaatan Oromoo qofa otuu hin taane, saboota Itiyoophiyaa keessa jiran mara irraa ta’uu illee dubbatu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG