Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jeettonni waraana Raashiyaa Haleellaa Siiriyaa Keessaa itti fufan


Jettonni waranaa kan Raashiyaan haleellaa siriya keessatti gaggeessan guyyaa lammataaf har’as itti fuufanii jiru.Taajabdoonni walabnii akka jedhanti haleellaan kun hidhatoota Islaamiik Isteetes qofa irratti kan qiyyaafate otoo hin taane looltoota Yunaaytiid Isteetes deggertu dabalata.

Ministriin ittisaa kan Raashiyaa akka jedhanti jeettonni Raashiyaa maadheelee Islaamiik Isteets hedduu haleelan.Garu Kremliin akka jedhutti garee leellistootaa Kanaan alattis kanneen biroo irratti qiyyafatanii jiru

Waraanni yunaaytid Steetes fi ka Raashiyaa hatattamaan wal ga’anii duula waraanaa Siriyaa keessatti gaggeeffamuun walii isaanii akka hin rukunne gochuu haala dandeesisuu irratti akka mari’atamuuf ministriin haajaa alaa kan Amerikaa Jaan Kerii gaafatanii jiru.

ISIL irratti qiyyaafachuun waan tokko,Kun beekamaa dha. Inni gaggeeffamaa jiru kana miti taanaan dhugumatti nuti Yaaddoo qabna jedhan Keriin.

Ministriin ittisaa kan Yunaaytiid Isteetes Ash Carter akka jedhanti Iddoo humnootiin AYSIL (ISIL) hin turre ykn hin jirre keessa kan seenan fakkaata. Deemsa akkasii keessatti, rakkoo uumaman keessaa tokko kana.

Kerii fi Lavrov walgahiin gaggeessan gaarii akka ta’e haa dubbatan malee attamitti gara fuula duraatti tarkaanfachuun akka danda’amu irratti hojiin guddaan gaggeeffamuu akka qabu amananii jiran.Siriyaa Demookraatawaa , tokkummaa qabduu kan mootummaa ishee amantii adda addatti hidhata hin qabne akka uumamtu fedhii hunda keenyaati.

Siriyaa gurmulee gosaa akkasumas kan amantiif mana ta’u qabdi.Mirgii isaanis eegamuu qaba.Attamitti isa kana bira geenya? Isa jedhu irratti adda addummaa qabna jedhu Lavrov.

Gabaasa guutuu dhaga'aa
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:24 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG