Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan Itiyoopiyaa Haaraan Hojii Jalqabe


Ethiopia's parliament
Ethiopia's parliament

Har’a manneen maree bakka bu’otaa wal ga’ii isaanii geggeessan filannoo bara 2017 booda kanneen hundeeffamani. Paartileen mormituu irra hedduun kan hin simanne filannoo biyyoolessaa kan bara 2007 IHADEG fi dhaaboliin michoota isaa ta’an barcuma paarlaamaa 547nu injifachuun isaanii ni yaadatama.

Kanaaf jecha manni maree bakka bu’oota uummataa hojii isaa kan jalqabe haarala paartileen mormituu keessa hin jiraannetti.

Manni maree bakka bu’otaa kun wal ga’ii isaa har’aatiin obbo Haaylamaariyaam Dessaalenyiin waggoota shan itti dabalaaf muummicha ministeeraa ta’anii akka hojjetan filatee jira. Waggoota sadan hafan kan muummicha ministeericha duraanii kan Obbo Mallas Zeenaaweeii xumuran obbo Haaylamaariyaam kan ofii isaanii kan ta'e waggoota hojii waggoota shanii jalqabaniiru.

Kana malees manni maree kun obbo Abbaa Duulaa Gammadaa afaan yaa’ii, aadde Shittaayee Minaalee immoo itti aantuu afaan yaa’ii gochuu dhaan irra deebi’uun filatee jira. Dursee kan geggeessame wal ga’iin mana maree Federeeshinii immoo afaan yaa’ii kan turan bakka obbo Kaasaa Tekle Birhaan obbo Yaalew Abaatee filateera.

Itti aanaa afaan yaa’ii ta’uun kan filataman immoo obbo Mohamed Rashiidi. Wal ga’ii gamtaan manni maree bakka bu’ootaa fi manni maree Federeeshinii geggeessan irratti kanneen argaman prezidaant Doktor Mulaatuu Teshoomees haasaa dhageessisuu dhaan kallattii biyyoolessaa kan mootummaan irra adeemu agarsiisaniiru.

Manneen maree kun baroota hojii isaanii kan jalqaban karoorri guddinaa fi jijjiiramaa marsaa lammataa hojii irra ooluu ennaa jalqabetti ta’uu kan yaadachiisan obbo Mulaatuun, barri karoorri kun hojii irrai tti oolus keessumaa gama guddina dinagdeetiin bu’aan addaa bara itti eegamu ta’uu isaas ibsanii jiran. Gama dimokraasii dagaagsuutiinis mootummaan paartilee mormituu biyya keessa jiraniif waltajjii kan mijeessu ta’uu ibsaniiru.

Manni maree bakka bu’oota wal ga’ii walitti fufee geggeessuun muummichi ministeerichaa kaabinee isaanii haaraa beeksisu jedhamee eegama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG