Xurree ittiin seenan

Gurmuun Tuuniiziyaa tokko Badhaasa Noobelii Nagaa ka bara 2015 Gonfame

  • VOA

“National Dialogue Quartet” ka jedhamu, deemsa dimookiraasummaa gareelee hunda hammate biyyattii keessatti ijaaruuf qooda gumaacheef badhaasa Noobelii kana argatge, jedhama.

Badhaasichi Noobelii nagaa, jaarmayichaaf akka kennamu murta’uu isaa Har’a, magaalaa Siwiidin, Osloo irraa ka labsan hoogganaa Koree Noobelii, Kaachii Kulmaan Faayiv turan.

“Koreen Noobelii, kan Noorway jaarmayaan “Tunisian National Dialogue Quartet”, “warraaqsa Jaasmiine”, ka bara 2011 Tuunisiyaa keessatti geggeessame irraa jalqabee dimookiraasiin hunda hammate akka biyyattii ijaaramu qooda murteessaa gumaachuu isaatiif, akka badhaasni Noobelii, ka bara kuma lamaa fi shanii kennamuuf murteessee jira,” jedhu Kulimaan Faayiv.

Gurmuun “Quartet” jedhamu kun, waldaalee hojjetootaa Tuuniisiyaa, Liigii Mirga Namoomaa Tuuniisiyaa fi Waldaa Abbota-seeraa Tuuniisiyaa irraa hundeessame.

Hoogganichi Koree Noobelii, Kulimaan Faayiv, waa’ee gurmuu sanaa ennaa ibsan, “deemsi dimookiraasummaa raafamaan Tuuniisiyaa keessaa sababaa ajjeechaalee fi tasgabii-dhabinsa uummataan ennaa hunkutaa’uutti dhihaatetti hojii isaa jalqabe” jedhan.

Yeroo biyyattiin afaan wal-waraansaa irra geessee turtetti deemsa siyaasaa karaa nagaa akka mala filatamaatti gad-dhaabuu isaa dubbatan.

Tuuniyaan biyya bara 2011, yeroo jalqabaatiif warraaqsi uummataa booda “Arab Springs” jedhamu keessatti jalqanee fi uummatni hiriira mormiin karaatti yaa’ee , Prezidaantii biyyattii duraanii Zine el Abidine Ben Alii taayitaa irraa itti buqqisa.

Gama kamiin iyyuu ennaa ilaalamu, biyyoota warraaqsi “Arab Springs” keessatti geggeessame keessaa kan milkaawe yoo jiraate Tuuniiziyaa dha.

Garuu, ennaa biyyattiin malaa-maltummaa, hoji-dhablummaa dargaggootaa dhibba irraa harka 35 fi haala dargaggoonni hedduun gurmuulee fiinxaaleyyii Islaamaan hawatamaa jiran waliin ennaa wal’aansoo qabaa jirtutti, milkaa’inichi hagam lubbuu dheerachuu danda’a? inni jedhu gaaffii guddaa dha.

Tuuniiziyaan biyyoota biroodhaaf akka fakkeenya taatu kan abdii qabu ta’uu dubbate, har’a, koreen badhaasa Nobelii Osloo irraa.

XS
SM
MD
LG