Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koomishiinii Awurooppaa Ganna Jahaan Dhufaatti Eertiraa Doolara Miliyoona 200-tiin Gargaaruu Fedha


Koomishiinii Awurooppaa
Koomishiinii Awurooppaa

Koomishiinii Waldaa Awurooppaa sagatnaa isaa Gargaarsa Misooma Awurooppaa 11essoo jedhuun ganna jahan dhufanitti Eeritaa doolara miliyoona 200tiin gargaaruuf qophii jira fakkaata.

Horiin kennamuu fa dandahaa jedhan kun anniisaa ykn enerjii hin dhumanne, qusannaa anniisaatii fi mala jireenna biyya sunii faluu kennama.

Horiin kun ammatti kennamee harka nama hin geenne taatullee akka bulchootii Eeritaa jedhanitit horiin kun qonna baadduyaa jabeessuuf,hujii jallisii hojjachuu manneen murtii ummataa gargaaruufillee oolu dandahaa.

Hariyummaan Eeritaa fi Waldaa Awurooppaa durii garadhabde amma wayyaahaa dhufuutti jirti.Christian Manahl Eeritaatti itti gaafatamaa Waldaa Awurooppaati.

“Hariyummaan Waldaa Awurooppaatii fi Eeritaa akka hamaa keessa turte ganna lamaan dabaran keessaa akka dansaa wayyoofte.Ammaan tana hariyummaa miila gadi dhaabatte waliin qabaannee qonna biyya tanaa jabessinuu fi haga tokkoon ammoo humna anniisaa ykn enerjii biyya tanaa jabeessuuf hojjanna.”

Waldaa Awurooppaatii fi Eeritaan eegii bara 1993 Eeritraan bilisoomte jalqabee akka dansaa waliin hojjachaa bahan.Bara 2011 keessa ammoo Eeritaan dhaabbilee gargaarsa biyya alaa haga guddaan biyya baafatte.

Eetiraa fi Waldaa Awurooppaa waan hedduutti wal dhabsiise.Eeriraan bakka buutoa Tokkummaa Mootummootaa akka isaan biyya isii keessa taahanii mirga ilmaan namaa qoratan hin eeyyamtu.

Tokkummaan Mootummootaa mootummaan Eertiraa walti qabee nama fixaa, seera malee hidhaa, hujii humnaa hojjachiisaa,waan fedhan dubbachuu fi akka fedhan barreessuu nama dhowwaa,amantii fedhan amanuu nama dhowwaa fi waan hedduun himata.

Akka Kiristiyaanitti hariyummaa fi deplomasiitti fi gargaarsaa kun waan Waldaa Awurooppaatiif barbaachisa tahe keessaa tokko.Oduu himaan Waldaa Awurooppaa akka ijoolleen kahimaa biyya keessatti carraa hujii argatani ufi jireessan fedha.

“Namii biyya godaanaa mitii dubiin guddoon, namii biyyaa yaahuu Awurooppaatti gallaa jedhee karaa kubbu nama hedduu balleessu irra yahau hin feenu.Kaan karaatti dhumatee kaan bisaan duude dhumee.Akka namii Eeritaa balaa kana irraa hafee jireenna dansaa argatee hujii hojjatee jiraatu arguu feena.”

Akka jecha koomishineerii Waldaa Awurooppaa damee Misoomaa fi Wal Gargaarsa Addunyaa Neven Mimicaatti rakkoo biyya nama baaftu keessaa bahuuf horii kennuun bu’aa guddaa qabdi.

Akka koomsihniin tun ergaa email VOA ergitetti kahimi Eeritraa egeree qabaatu arguun fedhii dhaaba isaaniitii ka mootummaallee.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG