Xurree ittiin seenan

Duuti Balaa Konkolaataan Dhaqqabu Ka Silaa Hambisuun Danda’amu

  • Namoo Daandii

Kuusaa suuraalee(FILE)

Kuusaa suuraalee(FILE)

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa, ka Tokummaa Mootummootaa ka silaa irra-caalaa isaanii oolchuun danda’amu – balaawwan konkolaataa, karawwan irratti dhaqqabaniin lakkoobsi namoota dhumanii Addunyaa kana irratti waggaatti miliyoona dhibba tokkoo fi miliyoona digdamii-shan ta’uu isaa dubbata.

Gabaastuun Raadiyoo Sagalee Ameerikaa – Liisaa Shilaayin, waajira Tookkummaa Mootummotaa Jenevaa jiru irraa, “Gabaasaa Nageenya karaa, ka bara 2015nii” akka gabaastetti biyyoota 180 Addunyaa kana irra jiran irraa ragaa gurrachuun – gabaasaan bara kana qophaa’e kun balaawwan karaa irratti dhaqqaban irraa lakkoobsi namoota dhumanii dabalaa deemuu irraa dhaabachuu isaa ibsa.

Yeroo lakkoobsi konkolaataa dabalaa jiruuu fi lakkoobsi uummataas akka kanatti dabalaa jiru lakkoobsi du’aa tasagabbaa’uun oduu gammachiisaa ta’uu akka ta’etti ilaala.

Ta’us garuu, lakkoobsi gabaasaa kana irratti ba’e akka agarsiisutti, keessumaa dargoonni umuriin isaanii waggaa 15 fi digdamii-sagal gidduu jiru, kanneen sadarkaa aol’aanaatti balaa konkolaataan dhuman ta’uun isaa gaddisiisaa dha.

Kana malees, gama nageenya karaatiin, biyyoota duureyyii fi iyyeeyyii Addunyaa kana irraa gidduu adda-addummaan jiru guddaa ta’uu dubbata. “Balaa konkolaataa Addunyaa kana irratti dhaqqabu keessaa dhibba irraa harki sagaltamni, biyyoota galii gad-aanaa fi giddu-galaa qaban keessatti dhaqqaba.

Garuu, konkolaatota Adddunyaa irra jiran keessaa dhibba irraa harka shanatamii-afur qofa ka biyyoota kana keessatti argaman. Jaarmayaan Fayyaa Addunyaatti, Direktorri Damee Waa’ee dhuklkuboota hin daddabrinee – Itiheene Kiruug akka jedhanitti – du’a balaa konkolaataatiin dhaqqabuun, Afrikaan tokkoffaa Giddu-galeessi Bahaa lammaffaa dha.

Garuu, dhugumatti, waggoota sadan dabran gidduutti biyyoonni 17, seerawwan nageenya karaa ahojii irra oolchuudhaan lakkoobsa du’aa balaa konkolaataan uumamu foyyessanii jiran. Akkasumas, akkuma balaan konkolaataa dhaqqabetti, hatattamaan gargaarsaaf bira ga’uun, lubbuu du’a irraa oolchuuf qooda guddaa qaba – ka jedhan, Kituug akkuma balaan konkolaataa dhaqqabetti, otuu namoonni hubaman wal’aansa fayyaa hatattamaa argatanii, du’a dhaqqabu walakkaan gad-cabsuun akka danda’amu qoranaaleen agarsiisuu isaanii dubbatan.

Du’a karaa konkolaataa irratti dhaqqabu keessaa, dhibba keessaa harki 26, ka namoota Biskileetii oofanii fi miillaan deemanii irra ga’u ta’uu dubbatan, Kiruug. Afrikaa keessatti, lokkoobsichi du’a akkanaa dhibba irraa harka 33 jedhama.

Biyyoota guutummaa Addunyaa irraa keessaa – dhibba irraa harka saddeettama keessatti konkolaatonni oofafman hagi tokko kan ulaagaa nageenya karaa hin guutne ta’uu ilee – gabaasaan Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa kun beeksisee jira. Kun keessumaa biyyoota hiyyeeyyii, kan konkolaatota imaltootaa isaanii keessaa dhibba irraa harki-shantamni bara dabre oomishaman keessatti mul’ata – jedha, gabaasichi.

XS
SM
MD
LG