Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Tokkummaa mootummootaa Israa'elii fi Faalisxiin hookkara lubbuu galaafatu akka dhaaban waamicha dabarsan.


Muummicha barreessaa Tokkummaa Mootummootaa Ban ki Moon
Muummicha barreessaa Tokkummaa Mootummootaa Ban ki Moon

Hoogganoonni Israel fi Faalisxiin hookkara lubbuu galaafataa jiru dhaabsisuuf akka hojjetan muummichi barreessaan Tokkummaa mootummootaa Ban Ki-moon waamicha dabarsan.

Ban ki moon har’a magaalaa West Bank amallah keessatti presidentii Faalisxiin Mahmoud Abbas waliin wal arguu dhaan jeeqama torbanneeniif naannoo sana raasee lubbuu lammiiwwan Israel saddeet fi kan Faalsxiin 40 ol galaafate xumuraan ga’uu irratti ka fuuleffate marii guyyootii lamaa geggeessaniiru.

Faalisxiin har’a yeroo lamaa ol Israel irratti haleellaa geggeessuuf yaalii goote. Poolisiin akka jedhetti loltoon tokko bakka qubsuma West Bank cinatti waraanamee ennaa madaa’uu namni haleellaa sana dhaqqabsiise immoo itti dhukaafamuun ajjeefame.

Duraan immoo loltoonni Israael dubartii Faalixin tokko erga isheen halbee qabachuun gara qubsuma sanaatti siqxee booda itti dhukaasan.

Gama biraan immoo muummichi ministeeraa Israel Benjamin Netanyahu chaansilerittii Jermanii Engelaa Merkel waliin mari’achuuf gama Jarmaniitti qajeelaniiru. Kamisa borii immoo Berlin keessatti ministrii haajaa alaa Ameerikaa John Kerry fi hooggantuu imaammata gamtaa Awrooppaa Federica Mogherini waliin wal arguuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG