Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Bootswaanaa Duraanii adeemsa Nageenya Sudaan Kibbaa akka to'ataniif filataman


Former Botswana President
Former Botswana President

Prezidaantiin Bootswaanaa duraanii Feestes Moyyee komiishina walii galteen Sudaan kibbaa hojii irra ooluu isaa to’atuuf dura taa’aa ta’anii filatamuun kan isee gammachiise ta’uu US beeksistee jirti.

Lammiiwwan sudaan kibbaa fi hawaasi addunyaa dura taa’aa muudamaniif walii galtee akka agarsiisan jaarsi araaraa gameessi IGAD ambassador Siyyuum Mesfiin gaafataniiru.

Kan Xumura baatii hagayyaa mallatteeffame wlaii galteen nageenya Sudaan kibbaa hojiitti hiikuuf sochiin jalqabamee jira.

Adeemsa hojii irra ooliinsa kanaas komiishinni to’atuufis dura taa’aan muudameefii jira.

Komiishina to’annaa gamtaa fi hordoffii jedhamuuf dura taa’aa ta’uun kan filataman ka beeksisanis jaarsa araaraa gameessa IGAD ambassador siyyuum Mesfiin turan.

Walitti bu’iinsa Republikii Sudaan kibbaa keessa jiru dhaabsisuuf galmee qophaa’e walii galtee qabxiilee barbaachisoo lamatu jira. Kunis komiishina gamtaa kan hordoffii fi to’annaa “Jemek” fi mala hordoffii caasaa nageenyaa fi lola dhaabinsaa ti.

Akkuma Kanaan hoogganoonni biyyoota miseensota IGAD ta’an marii erga geggeessanii booda hoogganoota Afriikaa kabajaa guddaa qaban keessaa tokko kan ta’an prezidaantii Bootwaaanaa duraanii Festes Mooyyee dura taa’aa gochuun muudaniiru jedhan.

Ministriin dhimma alaa US kanatti aansuun ibsa baaseen muudamuu presidentii Festes moyyee simachuu isaa beeksiseera. Preizidaantichi nama milkaa’ina argamsiisan ta’uu kan beeksise ibsi kun garee jiloonni Sadarkaa addunyaa keessa jiran hoogganuu dhaan walii galteen nageenya Sudaan kibba hojii irra ooluu isaa to’atu jedha.

Ameerikaanis isaaniif michoota isee ka biroo waliin walitti dhiyenyaan ni hojjetti jedha ibsi kun.

Qaamotiin Sudaan kibbaa martinuu carraa kanatti fayyadamuu dhaan walitti bu’iinsa sana akka dhaabisan waajjirri ministrii dhimma alaa US ibsa isaa sanaan gaafatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG