Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koolu galtoonni lammiiwwan Itiyoopiyaa Maalawii keessatti danqaman


kaartaa Maalaawii
kaartaa Maalaawii

Afrikaa kibbaa seenuuf karaa seeraan alaa Maalaawwii seenan kan jedhaman lammiwwan Itiyoophiyaa yeroo hidhaa keessa itti turuu qaban kan xumuuraan ta’us hin hiikamin jiru.

Isaan kana gara Biyya isaantti deebisuuf gargaarsii gaafatamaa kan jiru ta’uu as yunaaytid Isteetes keessa kan maadheeffate waldaan godaantootaa sadarkaa addunyaa USAOM ibsee jira.

Kunis geejiiba nama tokkoof Doolaara 500 ykn qarshii biyya keenyaa gara kuma 10 ta’uun ibsamee jira. Waajirri IOM Maalaawwii irraa amman dura jaarmayaan isaanii baasii godaantoota kanaa akka baasu beeksisee ture.

Maalaawwii keessa kan jiru waajiira godaantootaa IOM akka jedhutti maallaqa hedduu hin qabnu, hamma dandeenyeetti warra jalqabaa erguu yaalla ,Gargaarsa dabalataa barbaannee warra hafan immoo ergina jedhan.

Naayroobii keessa kan jiru Embaasii ITIYOOPHIYAA irraa obbo Andarguu Berhee akka jedhantti IOM ammaan dura ofii keenyaa ergina jedhee amma kana jechuun sirri miti. Maraafuu mootummaan lammiwwan isaa alatti hin gatu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG