Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantittiin Federaalizimii Swiizerlaand Itiyoopiyaa daawwatan


Daawwannaa isaanii guyyoota sadii irratti mana maree bakka bu’oota uummataatti kan argaman presidentiin konfedereeshinii Swizerlaand Simooniitaa Simooriigaa haasaa isaan dhageessisan sirna Federaalizimii irratti kan fuuleffate ture.

Waggoota 150 kan lakkoofsise Federaalizimii biyya isaanii kan bu’uura godhatan simooniitaa Simaarugaa barbaachsummaa fi bu’aa inni qabu bal’inaan ibsaniiru. Sirni Federaalisimii akka milkaa’uufis qabxiiwwan sadii jiraachuu tuqaniiru.

Qabxiin inni duraa hirmaachisummaa sirna kanaa fi qixxummaa irratti hundaa’uu isaanii tuqanii jiran. Inni lammataa immoo akka isaan jedhanitti ejjennoo namoota hedduu keessummeessuu danda’uu dha. Humnootii polotiikaa adda addaa mul’ataa fi ilaalcha isaanii sagantaa siyaasa isaanii akka dhiyeessan eeyama argachuun akka irra jiraatu illee yaadachiisaniiru.

Kana keessatti immoo hirmaannaan waldoolii sivikii fi sabaa himaa walabaa murteessaa ta’uu haasaa isaanii afaan Amaariffaatti hiikameef TV irratti darbeen beeksisaniiru.

Akkuma Kanaan waldooliin sivikii fi sabaa himaan walabaa qooda quddaa qabaatu. Sababiin isaas karaa isaaniitiin humnootiin siyaasaa amanamummaa qaban humna ijaaramuu qabaachuu kan danda’an. Karaa waldoolii fi gaazexeessummaa walabaa Kanaan hawaasi jijjiiramuu kan danda’u.

Waldooliin jijjiirama qilleensa naannoo ilaalchisee hojjetan, waldooliin daldalaa, waldooliin hojjechiistotaa, gareelee mirga namaa, fi dhaaboliin bu’aaf hin hojjenne kanneen biroonis adeemsa murtii kennuu kana keessatti hirmaannaa qabaachuu qabu. Dhaga’amuu qabu.

Yeroo tokko tokko kanneen mootummaa giddu galeessaa morman ta’an illee salphaa dhumatti hawaasa siivilii fi sabaa himaan walabaa bu’uura dimokraasii fi lafee dugdaa ti. Jedhan.

Prezidentittiin sirna Federaalizimiif bu’aa qaba jechuun kan tuqan qabxiin sadaffaan aboo murtii kennuu haala hin waaltessineen hanga gadiitti gad buusuu dha. Itti dabaluu dhaanis carraa qabeenyaa fi hirmaannaa gara naannoleetti gad buusuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. presidentiin konfedereeshinii Swiss turtii isaanii Itiyoopiyaatti prezidaant Dr. Mulaatuu Teshoomee fi muummicha ministeeraa H/Maariyaam Dessaaleny waliin mair’ataniiru.

Hoogganoota Itiyoopiyaa waliinis marii itti fufiinsa qabu geggeessuuf kan abdatan ta’uu illee dubbataniiru. Simooniitaa Simaaruugaa namoota Torba Switzerlaandiin gamtaa dhaan hoogganan keessaa tokko. Biyyattiin mana maree ministeerotaa miseensota torba of keessaa qabu kan qabdu ennaa ta’u martinuu aangoo qixxee ta’e qabu. Taayitaan Prezidaantummaa garuu waggaa waggaa dhaan dabaree isaan ga’a.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG