Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarroleen Raayyaa ammallee Afaanuma Oromo dubbatan, “Arsii Baalee dhufne jedhan abbaa isaanii 13 gaafadhee seenaa isaanii katabe”


Ummatii Raayyaa Tigraay jiraata
Ummatii Raayyaa Tigraay jiraata
Tana caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:59 0:00
Xurree marsariitii

Oromoon Rayyaa damee Oromoo Oromiyaa irraa fagaattee naannoo Tigraay keessa qubattu.

Akkamitti garas dhufan, yoom dhufanii fi bara hagamiin duratti achi gahaiin woma egerii wal gaafachaa wal iraa barachaa yaanu.

Jireenna Raayyaa Oromoo namuma hedduutti barreesse. Weellistuun Oromoo Saliyaa Saamii jireennaa Oromoo Raayyaa irratti fiilmii tokko qopheessuuf hujiitti jirti jedhan.

Qorattuun Jappaan Dr.Lookoo Duubaa, aadaa fi seenaa Oromoo eegii barreessuu jalqabdee ya turte.Aadaa Booranaa haga tokko barreessitee kitaaba fuula 800 caalu irratti baafte.Amma ammoo jireenna Arsii-Baalee fi Raayyaa barreessuutti jirti.

Dr.Chikaagee (Looko Duubaa)
Dr.Chikaagee (Looko Duubaa)

​Jarii lachuu Dr.Lookoo fi weellisuu Salihaan jaarroleen Raayyaa hardhallee afaanuma Oromoo dubbatanii gara dhufaniillee akka dansaa akka beekan qoratani argan.

“Isan eessaa dhuftani jedhee abbaa isaanii haga 12 gaafadhee walti fide. jetti Dr.Lookoon

Tana qofaa miti,“Arsii fi Raayyaan obboleeyyan. Jaarroleen baaddiyaa jiraatan Afaan Oromoo dubbatan.”

Dr.Lookoon “warra Baaleetiin Raayyaa beettuu jedhee gaafadhee jennaan “Raayyaan naannoo Ginniir, Raayituu keessatti addaan baanee jarii Tigraayitti godaanee jedhan,”jetti.

Saaliyaa Saamii( bitaa gara mirgaa lammeessoo) aadaa Raayyaa qorachuutti jirti
Saaliyaa Saamii( bitaa gara mirgaa lammeessoo) aadaa Raayyaa qorachuutti jirti

​Saalihaa Samii Raayyaa dhaxxee fiilmi hojjachuuf hujiitti jirti jedhan. Jaarroleen Raayyaa afaan sadii: Afaan Oromoo,Afaan Amaaraa fi afaa Tigree dubbatan jetti.

Afaan hin wallaallee jettee gaafanan ammoo “ka ijoollee bade malee kenna nu jalaa hin banne ihn wallaalle jedhan jetti.”

Quftuma Oromoo Raayyaatiin Abbaayaa jedhan “Raayyaa,ijoollee Ormichaatti keessa jiraata.”

Jaarroleen Raayyaa ammoo eessaa dhuftani asi geettan jettee Salihaan gaafannaan “Awaas irraa kahee cuftuu qabatee daayinettiin dhufee asitti hore.”

Akka isaan jedhanitti“angafa tokkotti ijoollee 12 gamasii fidee asi facaase naannoon gamaa sun abbayaa jedhama haga ammaatit laftii maqaa oromoo qabdi.”

Maanguddoon Raayyaa ammallee, “hiddii keenya Ormichii eesha innii gadiiyyii (Awaashi gama)asi godaane,”jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG