Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wellisaan gosa sirbaa Raappii hookkara nyaata lagachuu geggeesse hookkara isaa dhaabe


Angoolaa keessatti hookkara nyaata lagachuu geggeessaa kan turee fi gosa muuziqaa raap jedhamuun kan beekamu Liwootii Biraawoo maatii isaaf hiriyoonni isaa fayummaa isaaf sodaatanii waan isa kadhataniif jecha guyyoota 36 booda hookkara isaa dhaabee jira.

Biraawoon leellistoota mirga namaa Angoolaa keessaa kudha afur waliin hanga yoonaa mana hidhaa keessa kan jiru ta’uun beekamee jira.

Qabsaa’onni kun kitaaba dubbisaa utuu jiranii hidhamuun isaanii ni yaadatama. Himannan irratti dhiyaates waaltaalee mootummaa haleeluuf shiran jedhamuun ture.

Biraawoon hokkara nyaata lagachuu kana ennaa eegalu angawoonni Angoolaa hidhamtoota siyaasaa mana hidhaatii akka gad dhiisan gaafataa ture.

Akkuma kanaan hiyyannaa isaanii mana murtiitti dhiyaatanii qorannaan hanga eegalamutti hidamuun irra jiru jedhee jira. Manni murtii Angoolaa dhimma Biraawoo kan ilaaleen walakkeessa baatii sadaasaa irratti beellama kennee jira.

Amajjii qabsaa'onni siyaasaa 16 ta'an mootummaa Hose Edwaardoo saantoos fonqolchuuf yaalan jedhamuun hidhaatti darbaman. Yuuniversitii Indiyaanaatti hayyuun seenaa Afriikaa Meliisaa Mooraan gaaffii fi deebii VOA waliin geggessaniin qabsaa'onni siyaasaa kun kitaabota waa'ee dimokraasii fi abbaa irrummaa ibsu dubbisuu isaaniif hidhamuu hin qaban jedhaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG