Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walabummaa Marsariitii Kan bara 2015 Gabaasatu Ba’e


WaggootIi darban shaniif walitti fufee guutummaa addunyaa irratti uummanni miliyoonaan laka'amu carraa marsariittii fayyadamuuf qaban xiqqaataa deemuu isaa gabaasaan haaraa ba’e ibsee jira. Kunis mootummonni addunyaa irra jiran namoota marsariitii irratti yaada ofii walaba ta’anii dubbatan ukkamsuun, saansurii gochuun akkasumas iccitii nama marsariitii irratti barreessuu eeguuf waan kaa’ame cabsanii seenuun eenyummaa nama baruu jedha gareen Freedom House.

Jaarmayaan kun addunyaa irratti Dimokraasii fi walabummaan yaada ofii ibsachuun akka kabajamuuf qabsaa’a. Marsariitii wajjiin wal qabatee cunqursaa hamaa gesisuun Chaayinaan iddoo duraa kan qabatte yoo ta’u Seera hamaa qabaachuun Tahilaand iddoo duraa kan qabdu yoo ta’u giddu galeessi bahaa, Eshiyaa fi biyyoota Afrikaa uffee sahaara gadii itti fufanii argamu.

Itiyoophiyaa kan ilaaleen Freedom House keessatti itti gaafatamtuu qorannaa gameetti fi xiinxaltuu kan ta’an Maay Trang akka jedhanti Itiyoophiyaan addunyaa irratti biyyoota walabummaa marsariitii akka hamaatti cuqursu jedhaman keessaa hamtuu ishee dhumaati jedhu. Kanneen Itiyoophiyaa keessatti marsariitiin gargaaraman 100 keessaa harka 2 qofa yoo ta’u lakkoofsa xiqqoo kana keessaa mootummaan kanneen tarkaanfii irratti fudhatu garuu lakkofsaan guddaa waan ta’eef wal hin gitu.

Marsariitii hedduun cufamuu isaa ibsanii karaa biraas jedhan kanneen karaa marsariitii mootummaa qeeqan hidhamanii himata shoroorkeessummaatu irratti dhiyaata.Kanaaf haalli marsariitii Itiyoophiyaa keessaa yaaddeessaa fi gaddisisaa dha .

Sababiin isaas lammiwwan Itiyoophiyaa marsariitii irratti yaada qaban ibsuuf carraa waan hin qabaneef gama kanaan lakkofsi jiru dabaluu hin dandeenye jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:30 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG