Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keenyaan atileetiksiin addunyaa matuma irratti bahaa dhuftee maratoonii NY-illee dhiiraa fi dhalaan moote


NY Marathon
NY Marathon

Maratooniin addunyaa 45essoo New York, USA Sadaasaa 1,2015 wal dorgoman irratti nama kuma 50 olitti irratti wal dorgomee.

Keenyaan maratoonii qofaa mitii dorgommii atileetiksii hedduun addunyaa mataa irratti bahumatti jirti.

Keneyaan dorgommii tana tana waliin marroo sadii moote.Dorgommii qilleensa dansaa keessatti dorgoman atileeotaa fi nama bebeekamaa hedduutti itti walti dhufe.

Abbootii siyaasaa,daldaltoota bebeekamoo sirbituu akka Alicia Keys,aktor akka Ethan Hawke fi actors Katrina Bowden fa.

Nami hagii tokko nafuma diriifachuuf atileetotii addunaya bebeekamoon ammoo badhaasa guddaa abbaa moo’ee kennan argachuuf karaatti baafate.

Dorgommii tana NY keessaa naanoo Istaten Islands jalqabanii,Birookliniin qaxaamuranii, Queens Booroo fi Bironksii jala deebihanii Manahaattan gahanii km 42 irra maranii naannoo Central Park fixan.

Akkanuma jechaa namuu wal jalaa bu’aa dhufanii atleetotii qoftii walti hafan. Keenyaatti dubraaf dhiiralleen moo’e. Dhiraan atileeti Keenyaa Stanley Biwotii fi dubraan ammoo Mary Keeyitaaniitti moo’e.

Biwootiin nama ganna 29 km 42 2:10:34 fixxe.Keytaaniin ammoo km tana 2:24:25 moote.Namii Keenyaan abdatte Willson Kipsang afreesso bahe.Atileetiin Amerika dhalootaan Eertiraa Meb Kilfezigi torbeessoo bahe.

USA ammoo Laura Thweat torbeesso taate. Atileetiummaan Amerikaa ta ganan 18 Alanta Handley ammoo ammoo dadhabdee keessaa baate.Itiyoophiyaan dorgommii tana irratti nama akka Leellisaa fa ergatte taatuleee

Akka leenjisaan atileeota Itoophiyaa Toleeraa Dinqaa jedhetti dorgommiin NY tun dorgommii qalbii guddoon eegan.Olompikii ji’a saddeetii booda Biraazilitti qopheessanbiif nama qopheessa,.

“Dorgommiin NY dorgommii addunyaa gurdoo keessaa tokko,atileetota jajajbaatti itti affeerama,akka isaan dhaqanii dorgomaniif horii gurguddaatit kafalamaaf.”

Itoophiyaan dorgommii tana irratti Leellisaa Deessisaa,Tigistii Tufaa fi Assellefecha Margaa fa dorgomsiifatte. Assellefecha lammeessoo baatee Leellisaa fi Tigisti ammoo sadeessoo bahan.

Akka Leenjsiaa Toleeraa Dinqaa jedhutti Keenyaan gama dorgommi kanaa waan hedduu Itoophiyaa caalaa dhufuutit jirti.

“Maalti bade maal wayyeessu qamnaa jennee bifa haaraan leenjiitti seenuuf mariitt jirra.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG