Xurree ittiin seenan

Sagantaan Imaammata itti gaafatamummaa Hawaasaa Bu'aa argamsiise jedha mootummaan

  • Mallaskaachoo Amahaa

Xumurri Imaammata itti gaafatamummaa hawaasa Itiyoopiyaa ka boqonnaa lammataa kaleessa qophii adda addaa qopeesse irratti akka ibsametti hojiiwwan hojjetamaniif bu’aa argamsiisan jedhamaniif bekkannaan kennamee jira.

Imaammati kun waggoota sadan darbaniif aanaalee biyyattii 223 keessatti hojii irra ennaa ooletti eegumsa fayyaa, barnoota, dhiyeessii bishaanii fi daandii baadiyyaa diriirsuu akkasumas damee tajaajila qonnaatiin tajaajilli uummataaf kennan gama qulqullinaa, dafee dhaqqabuu fi haqaan hojjechuu gama ilaaleen fooya’inni guddaan argamuu isaa ibsamee jira.

Imaammati sun mootummaan Itiyoopiyaa biyyoota arjoomtota ta’an waliin wal ta’uu dhaan hojii hojjetu ta’uu kan ibsan imaammata sanatti itti aanaa itti gaafatamaan dhaaba hoji raawwachiisuu obbo Xeenaaw Mengist keessumaa imaammati itti gaafatamummaa hawaasaa uummata hirmaachisuun kaayyoo isaa isa duraa ti jedhan.

Waggoota sadan darban keessas uummatichi argachuun qaba kan jedhe sadarkaa tajaajilaa guutuuf baasii itti dabalaa attamiin akka gaafate illee obbo Xeenaaw Mengist akka ragaatti agarsiisaniiru.

Waggoota sadan dabaniif hedduu erga irratti hojjetamee booda qarshiin miliyoona 120 ol hawaasicha, uummaticha akkasumas dhaabolii arjoomtotaa bu’aaf hin hojjenne biraa gargaarsi kennamee, mootummaan qarshii miliyoona 54 kan ta’u, hawaasichi immoo humna isaaf meeshaalee dhiyeessuu dhaan gara qarshii miliyoona 38, isa hafe immoo jaarmolii kan mootummaa hin taane ka biroon gargaarsa kennaniin damee shananiin tajaajilli kennamu fooyya’uu danda’eera jedhan.

Obbo Xeenaaw itti dabaluu dhaan imaammata kana aanaalee 223nu keessatti hojii irra oolchuuf mootummaan qarshii miliyoona 500 ramadee ture. Haa ta’u mlaee uummatichi gama qulqullinaa, dafee dhaqqabuu fi haqaan fooya’inni akka argamu gaafachuun hojii itti dabalaa uume,

Sun immoo baasii itti dabalaa dhaqqabsiisa jedhan obbo Xeenaaw Mengist.

Walumaa gala hojicha raawwachiisuuf kan ramadame doolaara miliyoona 25tti hedama. Haa ta’u malee tajaajila sana fooyyessuuf qarshii miliyoona 120 ol qaamotii adda addaa biraa walitti qabamee hojii irra ooleera.

Keessumaa mootummaan adeemsa uummata bu’uura godhate geggeesseera. Manneen maree aanaalee fi koreen dhaabbataan bakka jirutti bakka bu’oonni hawaasaalee fedhii isaanii wal duraa duubaan gaafii dhiyeessanii dhaggeeffachuu dhaan deebii akka argatu waan taasisameef mootummaa biraa bajati itti dabalaa argame.

Fakkeenyaaf manneen barnootaaf bakka hir’inni barcumaa fi barsiistotaa jirutti bulchiinsi aanaa mallaqa ga’aa ramaduu dhaan rakkoon kun furameera. Gama eegumsa fayyaanis waanti barbaachisu guutamee jira jedhan.

Minister deetaan ministeera misooma dinagdee fi dura taa’aan imaammata itti gaafatamummaa hawaasaa biyyoolessaa Dr. Abraham Tekeste hojiiwwan bu’aa argamsiisaniif bekkannaa kennuuf qophee qophaa’e irratti argamanii imaammati sun boqonnaa duraa fi lammataa irratti bu’aa inni argamsiise tuqanii jiran. Keessumaa imaammata sana irratti kan hirmaatan qaamotiin mootummaa adda addaa qaamotiin kanmootummaa hin ta’inii fi imaammata sanaan uummati fayyadame martinuu fayyadamtoota ta’uu isaaniif barnoonni guddaan irraa argamuu isaa illee ibsaniiru.

Keessumaa imaammati sun ennaa jalqabame gama mootummaan attamiin akka simatameef amma immoo maal akka fakkaatu ennaa ibsan sagantaan imaammata itti gaafatamummaa projektii ta’uu irra darbee qaama bulchiinsa gaarii kan mootummaa ta’ee jira. Karoora bulchiinsa gaarii galmaan ga’uufis meeshaa tokko ta’ee jira jedhan.

Imaammata kana mootummaa waliin ta’uu dhaan hojii irra kan oolchan gamtaa Awrooppaa, mootummaa Germany, mootummaa Irland, mootummaa Britain fi baankii addunyaa ti.

XS
SM
MD
LG