Xurree ittiin seenan

Baqattummaan Afriikaa keessaa amma iyyuu hammateera. Mootummannis fala barbaaduuf walii galtee agarsiisuu qabu

  • VOA

Catherine Wiesner

Catherine Wiesner

Haalli Ardii Afriikaa keessaa walumaa gala ennaa ilaalamu haalli baqattoota Afriikaa keessaa gama lakkoobsaan ennaa ilaalamu haala gaarii irra hin jiru jedhan ministrii dantaa alaa Ameerikaatti itti aantuu ministriin dhimmootii baay’ina lakkoobsqa uummataa, baqattootaa fi koolu galtummaa Catherine Wiesner.

Lakkoobsi baqattoota ardittii keessaa gara miliyoona 4.8tti ol guddate kan jedhan itti aantuu ministrittiin kanneen miliyoona 12 ol ta’an immoo biyya ofii keessaa qe’ee irraa godaananiiru.

Kanneen kunis waggoota dhiyoo dhaa as biyyoota akka Malii, Republikii Afriikaa waaltaa, Sudaan kibbaa, Nijeeriyaa fi Burundii keessaa ti jedhan.

Kanatti dabaluu dhaanis uummati hedduun Somalia, Republikii demokraatawaa koongoo fi Ertraa biyya irraa godaanuun baqattummaan jiraatu.

Baqattoonni kun hagi tokko waggoota hedduuf baqattummaan waan jiraataniif akkasumas rakkooleen hedduun naannoo addunyaatti keessumaa kan akka Sryia dabalatee waan jiruuf fedhii isaanii guutuun hin danda’amne, gargaarsi namoomaas hanqatee jiraachuu Tokkummaan mootummootaa ibseera jedhan Chathirine.

Tokkummaa mootummootaatti komiishinerri ol aanaaan dhimma baqattootaa naannolee haga tokko keessaa gargaarsa dhibba irraa harka 50 qofaatu argame. Naannolee Afriikaa haga tokkoof immoo dhibba irraa harka 25 qofaatu argame. Fedhiin bu’uuraa hedduun hin guutamne, Kunis baqattootaaf qubsumaaf nyaata argachuun rakkisaa dha jechuu dha jedhan.

Akka mootummaatti jedhan Chathrine gargaarsa namoomaa Afriikaaf dhiyeessuuf cichaan hojjetaa jirra. Waajjirri isaan bakka bu’anis gargaarsuma kanaaf kan oolu waggaa darbe doolaara miliyoona 800 gumaachuu isaa illee beeksisaniiru.

Baqattummaaf sababaa kan ta’e walitti bu’iinsa furuuf tattaaffii gama diplomaasummaan godhamuuf illee maallaqi ba’aa jira jedhan.

Mootummoonni Afriikaa hedduun baqattoonni gara biyya isaanii akka seenaniif daangaa isaanii banaa taasisuun arjoomaniiru. Haa ta’u malee jedhan Chatrine daangaa isaanii banuu qofa utuu hin taane hidhattoonni fi mormitoonni jiraachuu waan malaniif mooraaleen baqattootaa kanneen akkasiif akka hin saaxilamne, jireenyi sivilootaas balaa irra akka hin buune imaammata baqqattoonni kun ittiin keessummeessaman lafa kaa’uun barbaachisaa dha jedhan.

Baqattoonni kun hojii irratti akka bobba’an, lafa qonnaa akka argataniif ofis gargaaraa dinagdeefis akka gumaachan carra kennuufii dhaan biyya isaan simatetti ba’aa akka hin taane gochuun gaarii dha jedhan.

US lakkoobsa baqattoota gara biyya ishee dhufanii dabaluuf karoorfattee jirti. Irra hedduu kan irratti fuuleffate garuu baqattoota Srya keessaa ti. Haa ta’u malee akkuma lakkoobsa baqattoota naannoo addunyaa simannu ol ka’uun kan Afriikaas akkasuma gochuuf jirra jechuu dhaan ministrii dhimma alaa UStti itti aantuu minsteerri dhimmootii baay’ina lakkoobsa uummataa, baqattootaa fi koolu galtummaa Catherine Wiesner ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG