Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hokkarri Burundii Keessatti Belbele Ittuma Fufe


Hookkara Burundii keessaa
Hookkara Burundii keessaa

Rakkoon Burundii keessaa amma illee itti fufee jira. Sanbata dabre halkan, ka magaalaa Bujumbura agama Kibbaattatti argamu – naannoo Kaaniiyooshaa jedhamutti, hidhattoonni mana-bunaa keessatti namoota sagal ajjeesan. Namoonni ijaan argan akka jedhanitti – hidhattoonni sun, namoota mana-bunaa sanaa ala taa’anii dhugan eega akka ol galan dirqsiisanii booda, namoota manicha keessa jaran mara irratti raasaasa roobsan. Kanneen haleelaman keessaa toorba achumatti dhuman, lama immoo achi irraa baqatanii eega hospitaala galfamanii booda du’an.

Gaafa Dilbataa ganama, Poolisoonni, meeshaalee waraanaa dhuksaan qabatamee jiru barbaacha, gandeen mormitootni itti heddummaatan keessa, manaatti deddemanii sakatta’uu jalqabuu isaanii dursee tu ka Sanbata halkan ajjeechaan kun raaw’atame.

Mootummaan akka namoonni meeshaalee waraanaa seeraa-ala qabatanii jiran haga Sanbata halkan walakkaatti galchanii fi yoo didan immoo akka tarkaanfiin cimaan poolisootaan fudhatamu akeekkachiisee yeroon kenne xumuramuutti ennaa dhihaatetti, torban dabre keessa namoota hedduu tu naannoolee sana gad-lakkisee dheesse.

Torban dabre keessa, Prezidaantiin Mana-maree seera-tumtootaa Burunii – Reverien Ndi-kuriyoo, yoo mormitoonni yeroo kennameef kabajoo dhaa baatan, “ni barbadeessina” jecha jedhutti gargaaraman.

Garee Mirga Dhala-namaa “Hman Rights Watch”tti, Qorattuun gameettiin dhimma Burundii – Karina Tertsaakiyaan, “Haasawa baay’ee nama rifachiisu. Waan shakkii qabu miti. Guyyoota xiqqoo booda, haasawwan Prezidaantii biyyattii fi ministara naga-eegumsa uummataatiin dhaga’amanis akkasuma kanneen nama sodaachisan turan. Hoogganaa naga-eegumsaa sana kan poolisoota to’atan. Kanaaf haala amma arginu wajjiin wal-simata” jedhan.

Dubbi-himaan Ministrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Joon Kirby, Sanbata dabred kana, haala Burundii, keessumaa jechoota ibidda belbelsan afaan aangawoota mootummaa tii ba’utti ka yaaddoo qaban ta’uu dubbatanii turan. Baatii Eblaa dabree, ennaa Prezidaantiin biyyattii - Pierre Nikurinziuiza akka filannoo marsaa sadaffaaf dorgoman beeksisan jalqabe.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:41 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG