Xurree ittiin seenan

Biritenii fi Denmaark Baqataa Eertiraa Fudhachuu Diduutti jiran

  • VOA

Namii haga guddaan Awurooppaatti baqachuutti jiru akka biyyaatti tokkeesson Siiriyaa,Afgaanitti ka aanu Eertiraa. Akka Simaanwitiz Istiwaanz, bakka bu’aan Amnesty International jedhetti namii akkana baqa yaahu hagii guddaan kahimaa Eertiraa leenjii giddii fudhachuu didee yaahu.

"Ijoollee ganna 17 ykn 16 leenjii waraanaa ji’a 18 yoo tokko tokko suniiyyuu caaltu baqachuuf yaahu.Jara ganna 10-15 hujii tana keessa turanillee ya dubbifne.Maati haga tokko ganna kurnya lamaa keessa tursan.”

Koomishiiniin haqaa Tokkummaa Mootummootaa Eertiraa biyya addunyaa keessaa irreen waan fedhan nama tolchan ta qaraa jedhee mootummaan Eertiraa ammoo tun dharaa jedhe.

Akka gabaasa Amnestiitti nama leenjii waraanaa Eeritaa baqate ykn ammoo hujii humnaa hojjachuu dide baqatee bahe yoo qabame hin ijjeefama.

Perezidaantiin Faransaay,Firaansuhaa Holaandee mootummaa Eeritaa balleessaan gaafachuu malan jedhee kora Awurooppaa fi Afirkaan Maalaatti taa’an irratti dubbate.

“Addunyaan jabeessitee Eertiraa mudduu malte.Maan jennaan dubbiin tun akka hamaa deemuutti jirti.Eeritaa keessaa namii godaanee biyyitii ona tahuutti jirti jedhe.”Biritenii fi Denmaarki mormanillee seera haaraa Waldaan Awurooppaa baasee qaraa baqattootii Eertiraa Jeremenirraa Ispeenitti qubsiisa."

Eertiraan biyya namii kuma dhibba hedduu keessaa baqatu jedhanillee Biritenii fi Denmaark jara kana qubsiisuu diduutti jirti biyyooti Awurooppaa ammoo qubsiisuu diduu tana hin fudhanne. Biyyitii Waldaa Awurooppaa cuftii baqata qbusiisuu fi dhibaachuu irratti seera maqaa ufii baafachuutti jirti.

XS
SM
MD
LG