Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mastar Planiin Uummata Utuu Hin Mariisisin Hojii Irra HIn Oolu Jedha IHADEG


Koreen hoji raawwachiistuu IHADEG guyyoota lamaan darban wal ga’ii idilee geggeesseen haalawwan Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessa jiru irratti mari’achuu isaa ibsa sabaa himaa mootummaa irratti dubbifameen beeksiseera.

Humnootii farra nageenyaa fi badiisaatu gaaffii uummataa waliin dha’uu dhaaf kaayyoo isaaniif itti fayyadaman jedha ibsi sun.

Maastar plaaniin Fininnee yoo uummata biraa fudhatame argate qofa hojii irra oola jedhee jira.

Naannoo Oromiyaa keessatti lubbuu namaa badeef itti gaaftamaan IHADEG kan jedhan paartileen mormituu karoorri marii amma ibsamaa jirus kan amansiisu miti jedhu

Ibsi koree hoji raawwachiistuu IHAGDE yaada angawoonni mootummaa adda addaa kennan of keessaa qaba. Dhimmi maaster planii fininnee fi dhimmi uummata naannoo Amaaraa kan Qimaant karaa nagaan dhiyaachuu danda’a ture jedha ibsi sun.

Magaala isa kamiinuu sochii farra nageenyaa, namaa fi qabeenyaa irraan balaa geessisuuf golgaa ta’uu hin qaban jedha ibsichi.

Karoorri maastar planii sun uummata waliin mariin geggeessamee fudhatama yoo argate qofa hojii irra kan oolu ta’uu IHADEG kallattii agarsiiseera jedha.

Humnootiin badiisaa fi farreen nageenyaa gaaffii uummataa waliin dha’uu dhaan kaayyoo isaanii diiguuf itti fayyadaman jedha ibsichi.

Wal ga’ii koree hoji raawwachiistu IHADEG kan hoogganan muummichi ministeeraa Haayila Mariyaam Dassaalany torbee ennaa dubbataa turanis isuma kana calaqqisan.

Mirgi heerrri namoota dhuunfaa fi sabaa fi sabalammootaaf kenne sababaan ittiin sarbamuuf tokko iyyuu jiraachuu hin qabu. Hin danda’us jedhaniiru.

Gama Kanaan madaalamuu qaba. Kanaaf ololli kijibaa har’as ta’e gara fuula duraatti kan madaalamu ulaagaa Kanaan ta’uun akka irra jiraatu beekamuu qaba jedhanii jiran.

Magaalaaleen addaa Oromiyaa naannoo Finfinnee jiranis karoora isaanii waliin qindeessuu fedhan malee qofaa isaanii dhaabachuu danda’u. Waliin qindeessuu hin barbaannu yoo jedhan kan isaan dhorku hin jiru. Garuu qindoomina sanaan bu’aan argamu guddaa waan ta’eef kan kun barbaachiseef. Kanaaf dachiin magalaalee addaa Oromiyaa naannoo Finfinnee jiran irraa taakkuun tokko iyyuu kan fudhatame hin jiru. Ololli kijiba kun beekamuu qaba jedhan.

Ajendaa isaanii dhoksaa qabatanii uummata afaan fajjessuu kanneen barbaadaniif baduu lubbuu namaaf sababaa kanneen ta’an paartilee polotiikaa seeraan hundaa’an jala dahatanii akkasumas kanneen biyyootii alaa keessa sosso’an humnootii mormituu ta’uu IHADEGs ta’u muummichi ministeeraa Haayila Mariyaam ni amanu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG