Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kooriyaan Kaabaa Bombii Haydiroojiin hojjachuun isii Bulchoota Addunyaa Dheekkamse


Kooriyaan Kaabaa akka mootummaan isaanii bombii Haydiroojin hojjate TV irratti labsatte
Kooriyaan Kaabaa akka mootummaan isaanii bombii Haydiroojin hojjate TV irratti labsatte

Bombiin Haydiroojin(Hydrogen bomb,H-Bomb) mia’ waraanaa hamaa addunyaa akka hin hojjatamne irratti walii galtee seerallee baafte.

Bombiin tun bombii atoomik(atomic bomb)USA bara 1945 keessaa magaalaa Jappaan,Hirooshimaa fi Nagaasaakkeetiin aate marroo kuma heddu caalaa humna qabdi.

Mootummaan Kooriyaa Kaabaa bombii Haydiroojin akka hojjate ji’aa duratti dubbate.Bombii hojjate tana Ammajii 5,2016 tokkosee humna isii haga laallate. 'Milkoofne' jettee labsatte.Bulchootiii addunyaa hujii Kooriyaa kaabaa tanatti hin gammanne.

Oduun TV Kooriyaa Kaabaa irratti dubbisan “mootummaan isaanii waan hamtuu irraa ufi eeguuf humna jabeeffachuutti jira.”

Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un ji’aan duratti mootummaan isaanii bombii Haydiroojiinii hojjachuu isaa labse.

USA fi bulchootii addunyaa gugurdoon hujiin akkanaa ‘seera malee’ jedhan. Waajjirii basaasa fi nagaa biyya keessaa Kooriyaa Kaabaa ammoo humanaa fi amala bombii Kooriyaan Kaabaa tana shakkiin laala “bombi hydirojin thauu isiituu hin shakkan.”

Koreen Nagaa fi Araaraa Tokkummaa Kooriyaa Kaabaatii hujii isii tanaaf deebii maan akka kennan mari'achuuf ariitiin mari yaamte.

Daarekterii Egensii Atoomikii Addunyaa(IAEA) Ykiyo Amano,hujiin Kooriyaa Kaabaa tun seera Tokkummaa Mootummootaatii ala jedha.

Kooriyaan Kaabaa asiin duralleetti marroo sadii bara 2006, 2009 fi 2013 bombii nukileera tokkostee humna ufi laalte.

Bulchootii addunyaa hujii Kooriyaan Kaabaa bombiin hojjatte tanatti gammadanii marroo hedduu adaban.Kooriyaan Kaabaa bara 1950 keessa hujii qorannoo nukileeraa jalqabde.Bara 1959 keessa ammoo hujii nukilerii jalqbde.

Bara 1974 keessaa ammoo miseensa Ejensii Humna Atoomikii Addunyaa taate.Akkanuma jechaa deemtee nukileera gara garaa hojjattee adabamaa baate.

Biyyitii tun bara 2006 fa keessa marroo jaha misaayila bolistik tokkofte. Addunyaa akka biyyitii tokkolleen nukileera waraanaa hojjattu hin eeyyamtu. Addunyaa keessaa USA,Paaksitaan,Afgaanistaanii fi biyya hedduu haga tokkoo qofatti nukileera waraanaa qaba.

Nukileerii,mi’a waraanaa yoo namaan hadhan lafaa fi biyyee dhiisii qilleensallee hammeesse rakkoon isiin fiddu haloota itti aanutti dabartu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG