Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteets Gaaffii Hawaasni Oromoo Qabuuf Mariin Hiikkaa Qabu Akka Taasisamu Gaafate.


Loogoo Ministeera Haajaa Alaa Yunaaytid Isteets
Loogoo Ministeera Haajaa Alaa Yunaaytid Isteets

Yunaayitid Isteets Itiyoophiyaa keessatti sagalee mormii (kan sagale mootummaa irraaa adda tahe) ukkaamsuun, hoogganoota Dhaba siyaasaa hidhuu dabalee, itti fufuun akka mootummaa isaa yaddessu ibsa har’a baase kanaan beeksisee jira. Hidhamuun hoggantoota kanaammoo rakkoo siyaasa fi quqqaa ummatni Oromiyaa qabuu ibsachuuf marii silaa baay’ee barbaachisaa tahe irratti bishaan qorra naqa jedha ibsi kun.

Mootumaan Itiyoophiyaa ji’a Muddee keessa haawaasa dhimma kanaan hubame wajjiin marii akka deemsisu dubbate ni deeggerra kan jedhe ibsi kun, mariin kun akka bu’a buusuf garuu qaamni irratti hirmaatu hundi ilaalcha isaani walabaan ibsachuu qaban jedhee jira.

Akka mootumman Itiyoophiyaa saggalee lammii isaa ukkamsuu irraa of qusatu fi mirgaa dhala nama seerri biyyaatti lafa kaa’e kanneen akka mirga karaa nagaa walitti qabamuu, mirga barreessuu fi akka adda-addummaa saba biyyattii keessa jiraniitti mirga yaada ofii walabummana dubbachuu kabaju ammas irra deebinee jabeessinee waamicha dhiheesine, jedha ibsi waajira Ministrii Dhimma alaa Yunaayitid Isteetsiin har’a bahe kun.

Mirga isaanii waan fayyadamanif lamiilee hidhaman, hoggantoota dhaaba siyaasaa fi gazexxessota dabalatee akka hiikamanis gaafatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG