Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Rakkooleen gugurdoon bara 2015 ummataa fi dinagdee addunyaatti dhufan akka motummaan abbaa-irree fedhii isaa guutatu gargaare”


Freedom House
Freedom House

Dhaabii walabummaa addunyaatii falmu,Freedom House gabaasa haaraa baaseen ganna 10n dabranii asitti walabummaan addunyaa gadi deemaa deemti jedha.

Akka gabaasa Freedom House baasetti biyya 72 keessaa walabummaan akka malee gadi buute.Biyyootii 50‘walabummaa hin qaban’ 59 ammoo ‘haga tokkoon walabummaa qaban.’

Biyyootii akka malee walabummaa ummata isaanii gadi qaban; Siiriyaa, Cghaayina akeessatti haga tokkoon ka ufi bulchitu Tibeetiyaan, Somaaliyaa, Kooriyaa Kaabaa, Uzbekistaan fi Eeritaa.

Turkeministaan,CAR(Cental Africa Republic) Suudan,Ekuwaateeriyaal Giinii,fi Sawudii Arebiyaan biyyoota walabummaa ummataa isaanii akka malee gadi qaban keessaa haga tokko.

Biyyootii Jiddu-Gala Bahaatii fi Afrikaa gama Kaabaa biyyota bara 2015 akka malee walabummaa dhaban.

Akka gabaasa Freedom House gabaasetti Itoophiyaalleen jara biyya nagaa dhowwu irratti duulaa jettee Oromoota humnaan hin buqqifmanu jedhan waan hedduun rakkiste.

Mormitoota siyaasaa,gaazexeessitotaa fi qabsaahota nmirga namaalleen tanumaan rakkisuutti jirti jedha Freedom House.

Daaniheel Beqqelee daarekter mirga ilmaan namaa HRW(Human Rights Watch)Afrikaati.

“Itoophiyaa keessatti keessattuu qoodii namii gama siyaasaatii fi demokiraasiitiin qabu nama yaaddessa.Yaada garaa ufii akka fedhanitti dubbachuu fi himachuun dhiba namatti taate.Hidhaa fi reebichii,dararaanis waan nama yaaddessaa hedduu keessaa isa tokko.”

Gama Oromiyaatiin akka daarektera kanaatti;

"Tarkaanfiin warrii nagaa eegu, nama hiriira bahuu fi hiriira paartilee mormituu irratti fudhate akkuma jirutti, haala jiruun wal fakkaachuu dhabuun adoo jeequmsilleen jiraatee humna jeequmsa sunii oli taate fudhachuun waan nama yaaddessaati.Namii,du’uun, hidhamuu fi miidhamuun nama yaaddessa.Warra hiriira bahe keessallee ka qabeenna namaa miidhe hagii diqqaan jriaachu isaa hinuma beekna taatullee,hiriirii kun haga guddaan ka nagaa,barattootaa fi ummate.Hiriira nagaa akkanaa irratti humna haga dabraatiin dhufuun waan mirga namatii yaaddoo tahaa dhufe keessa atokko.”

Freedom House,biyyootii Awurooppaa silaa demokiraasii qabanii mirga ummata isaaniillee eegan jedhamanilleen jara goolii uumu urratti duuluuf mirga ummata isaanii gadi qabuun himataman.

Dhaabii kun,Freedom House,qabiinsa mirga ilmaan namaa biyya 190 caalaa tokko tokkoon qoratee gabaasa fuula 28 qabu baase.

Freedom House bara 1941 hujii jalqabee waajjirii isaa guddaan Washignton,DC jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG