Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Mormiis, Hiraarsaa fi Reebichi Humnoota Mootummaas Oromiyaa Keessatti Itti Fufuu Dubbatu, Jiraattonni


Oromo Protest
Oromo Protest

Bakka Har’a hiriirri itti geggeessamuu – jiraattonni nuuf ibsan, Godinaa Wallaggaa Lixaa, aanaa Mana-Sibuu, magaalaa Mandii keessatti, barattonni sadarkaa lammaffaa qophaa’inaa hiriiranii gaaffii isaanii dhiheeffachuuf yeroo gara Bulchiinsa magaalaatti deemaa turanitti humnoonni mootummaa itti bobba’uudhaan reebanii adda-facaasii isaanii dubbatu – jiraattonni sun.

Jiraataan kun itti fufuudhaan, yeroo ammaa, barattoonnis tahe nmoonni kaan magaalattii keessa deddeemuun rakkisaa dha. Daandiilee magaalattii irra ka socho’aa jiru, humnoota kora-bittimmessaa Oromiyaa fi poolisoota addaa ka Federaalaa ti – jedhu.

Bakkawwan Kaleessa hiriirri itti geggeessame keessaa tokko ka tahe – Godinaa Hararghee Lixaa, aanaa Doobbaa, Araddaa Misiraa Cifiraa keessatti immoo, hidhattoonni naannoo fi humnoonni Mootummaa Federaalaa namoota adamsanii hidhuu fi reebuu irraa kan ka’e, irra-jireessi dargaggootaa gara gaaraa yokaan Bosonaatti ka baqatanii jiran tahuu, jiraattonni Araddaa sanaa nuuf ibsanii jiran.

Bakka hiriirri bal’inaan itti geggeessamaa ture – Godinaa Gujjii keessaa Jiraattonni akka jedhanitti, Proojektii Albuudaa Warqee fi albuudaalee kaan baasuu, kan Jaarmayaa Midrook jedhamuun geggeessamu mormuutti fuuleffate – hiriirri uummataa. Humnoonni mootummaa wal-dhibdee waa’ee lafaa duraan Booranaa Gujii gidduu turetti dhimma ba’uudhaan uummata lameen walitti-buusuu yaalaa jiru – jechuun illee himataa jiran.

Kana malees, Godinicha keessaa bakkawwan gidduu kana hiriirri mormii itti geggeessamaa turetti, keessumaa, naannoo Albuuda Taantaalemii qabu – lafa Qondicha jedhamutti, har’a humnoonni federaalaa heddumminaan bobba’anii uummata hiraarsaa jiru - jedhu.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:25 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG