Biyyoota Laatiin Amerikaa fi Kaaribiyaan keessatti heddumninaan kan mul’ate dhukkubi Zikaa biyyoota adda addaa keessattis mudataa jira. Dhukkubi Bokee ykn Binniin akka dhukkuba Busaatti daddarbu kun sammuun ijoollee haaraa dhalatanii akka hin guddanne gochuu waliin hidhata qaba jedhama. Kanaaf jecha dubartoonnii fi shamarran biyyoota dhukkubi kun keessatti mul’ate keessa jiraatan ulfaa’uu irraa akka of qusatan gorsi kennamaa jira. Kana malees namoota biyyooti dhukkubi kun mul’ate keessa jiraatanii fi gamasitti imalanii deebi’an irraa dhiigi fuudhame nama biraaf akka hin kennamneef jaarmayaan fayyaa addunyaa akeekkachisee jira.
Waaltaan to’annaa fi ittisa dhukkubootaa kan Yunaaytid Isteetes (CDC) akeekkachiisa dhirootaaf kenneen dhiroonni biyya Zikaan jiru keessa jiraatan ykn gara sanatti imalanii deebi’an yoo haatii warraa isaanii ulfa taate ykn ulfaa’uuf karoora qabu yoo ta’e iyyuu ittisuuf kondamiin akka fayyadaman ta’uu baannan qunnamtii saalaa guutummaatti dhaabuu qabu jedha. Gama biraan dubartoonni tajaajiila eegumsa fayyaa kan ulfa hin barbaadamne ittiin ittisan argachuu qabu. Dhukkubi Zikaa hedduminaan kan miidhe biyya Braazil ta’uun ibsamee jira.