Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaatti nama miliyoona hedduutti kadhimamtoota perezdaantummaa filachuutti jira


Warra Verjiiniyaa,Arlingtonitti filannootti jiru keessaa haga tokko Bitootessa 1, 2016.
Warra Verjiiniyaa,Arlingtonitti filannootti jiru keessaa haga tokko Bitootessa 1, 2016.

Amerikaatti nama miliyoona hedduutti kadhimamtoota perezdaantummaa filachuutti jiran.

Demokiraatota lamaan;Sandii Barnesii fi Hilarii Kiliinton
Demokiraatota lamaan;Sandii Barnesii fi Hilarii Kiliinton

​Qara nama 20 dhiyaatutti jalqabee amma torbatti walti hafe.Warrii walti hafe hagii tokko dureeyyii horii biliyoona hedduu qabu,hagii tokko ogeeyyota fayyaa addunyaan beettu, hagi tokko warra siyaasaan addunyaatti beekamu namuu waan akka akkaatiin beekama.

Amerikaan perzdaantii filachuuf kaadhimamtoota wal dorgomsiifachuutti jirti.

Paartii Rippaabilikaan keessaa nama shanitti wal hafe Demokiraati keessaa ammoo lama.

Bulchaa New Jersey Chris Christie fi Dr. Ben Carson
Bulchaa New Jersey Chris Christie fi Dr. Ben Carson

​Nama hardha ‘Super Tuesday’ filannoo godinii 12 bahee kaadhimamaa filatu moohate abdii perzidaantii tahuuf abdii guddaa horata.

Doonaldi Tiraamfi,dureessa beekamaa Rippaabilikaanii dorgomu
Doonaldi Tiraamfi,dureessa beekamaa Rippaabilikaanii dorgomu

Filannoo hardhaa Super Tuesday irratti warrii dorgomu cufti godina Amerikaa gamaan itti baafatee akka ummatii bahee filatu iyyachuutti jira.

Ministerii haajaa alaa USA ta durii, Hilary Clinton, godina gama Kibbaa irraa abdii qabdi.

Warrii haga ammaatti namii hedduun hin fialtain deeggarsa hedduu hin qamne ka akka Dr.Ben Carson faatii dafanii nama argachuu baannaan filannoo keessaa bahuuf falachuutti jiran.

Namii akka Ted Cruz faatii Trumph dhaqabachuuf waan qaban waan hambifatan hin fakkaatan.

Rippaabilikaanota (Mirgaa_Bitaa) Senator Marco Rubio, Donald Trump fi Senator Ted Cruz faatti Houston,Texas.
Rippaabilikaanota (Mirgaa_Bitaa) Senator Marco Rubio, Donald Trump fi Senator Ted Cruz faatti Houston,Texas.

​Dureessii Amerikaa beekamaan horuma ufiitii doolara miliyoona hedduu baasee filannoo tanatti dorgomuutti jiru,Donald Trumph fi Hilary Clinton deeggarsa dansaa argatanii abdiin filannoo tanatti jiran.

Woma taateefuu abbaa filannoo hardhaa Super Tuesday moohatu hardhuma galgaluma kana beennaa abbaa fahatee ummata galateeffatee filannoo keessaa galullee hardhuma beennaa nama miliyoona hedduutti filannoo kuroo jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG