Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensi Bakka - Bu'oota Ummataa Godina Miniisootaa Tarkaanfii Hammaataan Mootummaan Itoophiyaa Mormitoota Irratti Fudhate Yaaddessaa Dha Jette.


Reenaa Mooraan, Minisootaatti bakka Buutuu ummataa
Reenaa Mooraan, Minisootaatti bakka Buutuu ummataa

Miseensi mana marii Miniisootaa Aadee Reenaa Mooran haala Oromiyaa keesa jiru laalchisee ya’ii mana marichaa irratti yaada hikoo ta'u dhiheesite, akka miseensooni mallatteessan waamicha dhiheessite.

Aaddee Moran, "Barattooni Oromoo maaster plaaanii Finfiinnee ballisuu dha bahee, han jiruuf jireenya qonnaan bultoota naanoo san jirani rakkoo ciimaa dha saaxilu ,balaaleffachuudhan mormii karaa nagahaa godhan,motumman Itoophiyaa tarfanfii hamata irratii fudhachuui isa yaddeesaa dha," jetee, mootumman Itoopyiaa lamiileen biyyatitii mirga karaa nagahaatin mormii dhiheffachuu isaanii akka kabajamus gafateeti.

Yaa'ii bakka bu'oota ummataa godina Miniisoota kanarratti namoota mormmii oromiyaa irratti ajjefaman miseensoonni ol ka'anii yaadannoo godhaniiru.

Aadee urgoo Hajii miseensa Waldaa Dubartoota Oromoo Minisootatii, warra Addee Renaan yaada kana bakka bu’oota ummata Mineesottaatii dhiheessan argaman keessa tokko. Aadee Rena Moran hiriira waldaan kun ji'a darbee waameeratti argamtee akka isaan bira dhabbachuudha waadaa galteefi ture dubbatti.

Haaluma walfakaatuun seenaateroonii Yunaaytid isteets shan Itoophiyaatti mana hidhaatti dararaa gudda keessa han jiru, bulchaan Gambeelaa duraani Obboo Okeeloo Akiweeyii akka gadhiifaman gafachuudhan Pireesdaant baaraak obaamadha kaleessa xalayaa ergan.

Gaabaasa sagaleetii kana cuqaasi
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:56 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG