Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchoonni Addunyaa Karaa Niwkileerii Waraanaa Xinneessaniin Faluuf Amerikaatti Walgahan


 Korri nageenya niiwkileerii magaala guddittii Ameerikaa Waashingtan Diisiiti taa'ame, Ebla 1, 2016.
Korri nageenya niiwkileerii magaala guddittii Ameerikaa Waashingtan Diisiiti taa'ame, Ebla 1, 2016.

Korri nageenya niiwkileerii magaala guddittii Ameerikaa Waashingtan Diisiiti taa'ame, han hoggantoonni biyyoota 50 caalan irratti hirmaatan sodaa Kooriyaan Kaabaa niiwkileerii jajjabeeffachuu fi fayyadamuu maltii jedhu irratti xiyyeeffate.

Marii Nukileera Waashingiton Diisii Ebla 1,2016
Marii Nukileera Waashingiton Diisii Ebla 1,2016

Jimaata darbe kana sab-qunnamtiin Kooriyaa Kibbaa tokko oduu “Kooriyaan Kaabaa misaa’elii galaana Jaappaanti dhukaaste” jedhu erga gabaasee Kooriyaan Kaabaa fi Kibbaa ija shakkiitin wal- eggachaa jiran.

Pirezdaantiin Yunaaytid Isteetis(US), Baraak Obaamaa, walgahii guyyaa Kamisaa hoggantoota Kooriyaa Kibbaa fi Jaapaan wajjiin godhan irratti haala itti gaafatamtoonni Kooriyaa Kaabaa keessaa niiwkileerii itti balleessan mari’atan.

Marii Nukileeraa
Marii Nukileeraa

​Muummichi ministiraa Jaappaan, Shinzoo Aabee, gama saanitiin, “ dhimma nageenyaa irratti Jaapaan, Yunaaytid isteetis fi Kooriyaan haala itti wajjin hojjatan mijeessun barbaachisaa dha” jedhanii, “rakkinnii fi sodaa guddaan Kooriyaan Kaabaa niiwkileer ishii jajjabeessaa dhufuu dha,” kun immoo biyyoota sadeen kana qofa mitii hawaasa addunyaa hunda sodaachisaa jedhaniiru.

Gabaasa sagalee.
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:33 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG