Xurree ittiin seenan

Breaking News

Suraalee Qophii Dhugaa Bahumsaa fi Hiriira Mormii Hawaasa Oromoo Amerikaa

Waa’ee dhiittaa mirga dhala-namaa Itiyoophiyaa keessaa – keessumaa, miidhaa uummata Oromoo irratti geggeessamaa jiru irratti, har’a, galma waajira Mana-maree Yunaayitid Isteets keessatti, dhuga-ba’insa tu dhihaataa jira. Kutaa Kaalifoorniyaa irraa Miseensa Mana-maree Yunaayitid Isteetis ka turanii fi bara 2008 ka du’aan boqotan – Dimookiraaticha – Tom Laantos– Koomishina Mirga Dhala-namaa, kan Mana-maree Yunaayitid Isteets duratti ka dhuga-ba’insi kun dhihaataa jira.

Miseensota Mana-mare Yunaatid Isteets, bakka-bu’oota hawaasaalee Oromoo Ameerikaa fi Kanadaa, bakka-bu’oota dhaabota mirga dhala-namaa fi qaamota ka biroo adda addaa tu dhuga-ba’insa har’aa kana dhaggeeffata.

Kanneen dhuga-ba’insa kana dhiheessan keessaa sadii: Dhalata oromoo gi gaazzexeessaa Aljeziiraa duraanii - Mohammaad Adamoo, Ameerikaatti, directara Amnestii Internaashinaal - Adotii Akiweey fi hundeesituu fi dura-teessuu dhaabbata dhimma imammataa, Ooklaand Instiitiut, jedhamuu - Anuraataa Mitaali.

Caalaa agarsiisi

XS
SM
MD
LG