Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorogommii ‘Copa Amerikaa' ittuma jiranii US dhiyoo Kostaa Rikaa 4-0 moote hardhallee nama 10n taphattee Paaraguhaay 1-0 moote


Kilinti Dempisi ta hardhaa waliin goolii 51 tapha addunyaa irratti galfate
Kilinti Dempisi ta hardhaa waliin goolii 51 tapha addunyaa irratti galfate

Copa America Centernario(Waancaa Amerikaa) maqaa dorgommi kubbaa miilaa biyyootii ollaa,ardii Amerikaatiin walti dhiyaatan North America, South America, Caribbean ganna lama lama lamatti waliin tapahtan.

Ammaan tana biyya 16 itti jjira,guyyaa 9n duratti jalqanii tapha baranaa cufaa Amerikaatti kopheesse magaalaa Amerikaa 10 keessatti taphachuutit jiranii Waxabajjii 26,torbaan lamaan duubatti dhumata.Marroo 17 taphatanii ta hardha itti dabalan waliin goolii 45 gale.

Dorgommii US fi Paaraguhaay tana nama kuma 51,041 istaadiyoomii Filadelfiyaatti bahee daawwate
Dorgommii US fi Paaraguhaay tana nama kuma 51,041 istaadiyoomii Filadelfiyaatti bahee daawwate

​Amerikaa gaafa tapha jalqaban, Wacabajjii,3 kaan Kolombiyaan 2-0 moohamte taan amma hardhallee [araguhaay 1-0 moote.

Tapha hardha isaadiyoomii Filadelfiyaa dirree taphaa Financial Field keessatti taphatan.Goolii qaraa Kilint Dempisiitti kubbaa Giyaasi Zaardesi dura buuse daqiaa 27essoo irratti gooli keessa buuse.

Dempisiin ta hardhaa waliin tapha biyya alaa waliin taphatan irratti goolii 51 gooliitti guurrate.

Paaraaguhaay tapah itti aanutti dabruuf Amerikaa moohuu mlate taatullee hin taaneef.Namichii isi goolii eegu Biraad Guzan ammoo kubbaa hedduu goolii irraa dhowwate.

Tapha kana irratti taphaan Amerikaa,DeAndre Yedlin taphataa Paaraaguhaay miila jala dhaabee buusee tapha keessaa baasanii Amerikaan nama 10 tapahtte.

Garee kubbaa miilaa Amerikaa
Garee kubbaa miilaa Amerikaa

​Taphattootii Paaraaguhaay Amerikaa keessaa namii tokko bahee jennaan akka galii kinniisaa goolii gama gamaan marsan.

Maanajerii kilbii kubbaa miilaa Amerikaa,Jurgen Kilinsman gare isaa jajjabeessuuf ummata kuma 51,041 garee galee akka jarii Amerikaa jajjabeessuu harkaan agarsiiifate.

Akkanuma tahaa US 1-0 moote dorgommii itti aantuu (knock out) gatanii wal bira dabranii dabarte.

Tapah hardhaa irratti Kostaa Rikaan Koloombiyaa 2-1 moote. Bori ammoo Ekuwaador fi Heyitii,Biraazili fi Peeruutti waliin taphata.Iftaan ammoo Meksiko Venezuheelaa,Uraagaayii fi Venezuheelaatti waliin taphata.

Dorgommii tana garee A,B,C,D jedhani afurtti qoodanii tapahtti jiran.

Garee A keessaa Amerikaa fi Kolombiyaatti qabxii 6n duran jira.

Garee B keessaa Biraazilii fi Peeruun qabxi 4 walqixxee qaban.

Garee C keessaa Meksikoo fi Venezuheeaan qabxii 6 walti qixxee qaban.

Garee D keesaa Arjentiinaan qabxii 6n dura jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG