Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Shororkeessummaa Kutaa Flooriidaa, Mana Sirbaa Jaalallee Saala Wal-fakkii (geyii) Keessatti Geggeessame Lubbuu Kurna Hedduu Galaafate


Gadda namoota dhumaniitif sirna shaamaa ibsuu Atlaantaatti godhame, Waxabajjii, 12, 2016
Gadda namoota dhumaniitif sirna shaamaa ibsuu Atlaantaatti godhame, Waxabajjii, 12, 2016

President Barack Obamaan, haleellaa mana sirbaa halkanii jaalalleewwan saala wal fakkaataa ka magaalaa Orlaando, kutaa Floorida irratti namni ajjeechaa jamaa raawwate garee finxaaleyyii alaattii kallattiin hidhata qabaachuu isaaf ragaa qabatamaan hin jiru jedhan.

Namni kun odeeffannoo finxalessummaa marsariitii irratti faca’uun kaka’e jechuu dhaan Obaman White House keessatti tuuta oduuf ibsanii jiru.

Kan umuriin waggaa 29 waardiyyaa fi maatii Afgaanistaan irraa dhalate lammiin Ameerikaa Omar Mateen mana sirbaa halka’nii Orlando Florida keessatti dhukaasa jamaa walitti-qabame yeroo tokko fixeen lubbuu namoota 50 ta’uu yoo galaafatu kanneen 50 ol ta’an immoo madeessee jira. Omar dhukaasa poolisii waliin geggeessameen du’e.

Dhukaasa lubbuu hedduu galaafate kana yeroo xiqqoo dura – daandii telefoonaa yeroo rakkoo hatattamaatti bilbiluudhaan - Hoogganaa garee Islaamik Isteets – Abubaka Al-baagdaadii hordofuuf akka waadaa seene kamn dubbate – namni haleellaa sana geggeesse – Omaar Maatiin, akka waan sammuu fi qalbiidhaan tasgabbaawaa hin ta’iinitti dubbatamaa ture.

Garuu, abbaan isaa – Sediiq Matiin, Kaleessa madda-oduu Televiiziyonaa NBC-n gaafatamee deebii kenneen akka ibsetti, haleellaan ilma isaatiin geggeessame – fiinxaalessummaa amantii waliin kan hidhata hin qabne ta’uu dubbatee ture.

Dhabbbanni Tika Nagaa Federaalaa, kan Yunaayitid Isteets – FBI -- garuu, bara 2013 fi 2014 keessa nama amma haleellaa geggeesse – Omaar Matiiniin, waa’ee of-wareegaa Syria keessatti halelelaa Boombii geggeesse tokko waliin hidhata qabaachuu fi dhiisuu isaa ka qorate tahuu dubbata. Garuu, si’a lamaanuu, walaba gad-lakkisame – jedha. Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Baaraak Obaamaa, haasawa isaanii madda-oduun tamsaasameen, haleellaa kana – akka gochaa shorokeessummaa fi jibbinsaatti balaaleffatan.

“Sanyii, saba-lammummaa, amantii yokaan akaakuu saalaa fedhe iyyu tahe, haleellaan lammii Ameerikaa tokko irratti geggeessame haleellaa hunda keenya irratti geggeessame akka tahe nu hubachiisa kun. Safuu bu’uraa fi kabajaa akka biyyatti qabnu irratti haleellaan shororkeessummaa fi jibbinsaa kam iyyuu geggeessamu safuu keenya hin jijjiiru – jedhan – Prezidaant Obaamaan.”

Haleellaan kun, caasaa shororkeessotaa Addunyaa irraatiin ijaaramee ka geggeessame otuu hin taane, shororkeessummaa biyya keessatti guddatee ka’e – jechchuun kan hubachiisan Prezidaant Obaamaan – Omaar Saadiqii Matiin, nama odeeffanbnoo shororkeessummaa Interneetiin tamsaasamuun kaka’ee haleellaa kana raaw’ate ta’uu eeran.

Halellaa kanaa booda, rifaatuu fi balaaleffanaan --- Prezidantii Afghaanistaan – Ashiraaf Gaanii, Muummicha-ministaraa Israa’el – Benjaamin Netaanyaahuu, Hoogganicha Kaatoolika Roomaa – Poop Fraansis, Mootittii Briteen – Elizaabeetii fi Hoogganoota Musliimaa Ameerikaa dabalee hoogganoota Addunyaa irraa dhaga’amee jira.

Haleellaan Shororkeessummaa Kutaa Flooriidaa, Mana Sirbaageyii Keessatti Geggeessame Lubbuu Kurna Hedduu Galaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:14 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG