Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaatti kaleen Guyyaa Galataati (Thanksgiving)hardhitii ammo Guyyaa Gabayaati (Black Friday)


Shoppers reach for television sets as they compete to purchase retail items on Black Friday at a store in Sao Paulo, Brazil, Nov. 24, 2016.
Shoppers reach for television sets as they compete to purchase retail items on Black Friday at a store in Sao Paulo, Brazil, Nov. 24, 2016.

Guyyaan Galataa(Thanksgiving) eegii Amerikaatti jalqabee ganna dhibba ya caale. Guyyaan kana ganna hedduun duratti warrii durii lafa Amererikaa irra qubate midhaan galfateef galafeeffatee bara itti yaa’u abdachaa waan qabu waliin gahaa galateeffachuu amaleeffate.

Guyyaa Galtaa cufaa biiroolee mootummaatii fi dhaabilee hedduun cufaa. Nama kuma dhibba hedduutti guyyaa akkanaa kana firaa,fiixaa fi hariyaa waliin oolee buluuf karaa yaa’aa.

Guyyaa Galataatiitti aanee ammoo guyyaa gabayaati(Black Friday)dhufa. Suuqilee fi dhaabbilee daldalaa hedduun mi’a gurguran harka hedduu irraa namaa bu’anii guguran.

Kamisa galagalaa jalqabee namii kuma fi fulaa tokko tokkotti ammoo dhibbii hedduun gabayaa keessaa wa bitachuuf hiriira irratti waluma caaccabsa.

Dhaabbileen daldalaa akka JCPenney, Best Buy,Target fi hedduun mi’a isaani hedduun gatii rakasaatin gurguran.Fkn gabayaa Macy's jedhan New York jirtu duratti nama 16,000 gagala Kamsaatii jalqabee hiriira keessa bulee baniitii gabayaa eegachaa bule.

Akka waldaan gabayaa Amerikaa jedhutti guyya Galataa akkana kana wantii gurgurama harka 3.6 dabaltii gabayaa ganna dabree doolara biliyoona 655.8n caalti.

Jimaatti aanee ammoo Cyber Monday jedhan ka interneeti irraa gatii laaftuun wa bitatanitti itti aana.Wiixatii dhufu, Sadaasaa 28,2016 guyyaa akkuma Balck Friday jedhan dhaabbileen daldalaa gati waan haga durii gurguraniin irraa gatiin diqqoon bitatan.

Taatullee namii hiririra galee eegachaa bahe cuftii akkuma fedhe waan bitachuu dhufe argataa jechuu miti.Ka waan bitachuu dhufe irratit wal saamee, dhaanee wal hobbaasu,wal caaccabsuu fi tana jidduutti jigee miidhamee galulleen hedduu. Malumaan bitadhaa jenna.

Waan interneetii iraa bitatanillee akka warrii tana jidduu sobee horii nama irraa fudhatu jidduu hin seenne ufi eegachaa bitachuu wayya.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG