Xurree ittiin seenan

Bulchootii Afrikaa Pirezi., Kuubaa ka duri nama galataa jedhaniin namii Itoophiyaa durii achitti baratelleen guddoo faarsa

  • Soraa Halakee

Bulchootii Afrikaa Fiidel Kaastiroo waan hedduun faarsan

Bulchootii Afrikaa Fiidel Kaastiroo waan hedduun faarsan

Fiidel Kaastiroo,pirezidaantiin Kuubaa, jaarsii ganna 90 torbaan dabrelubbuu dhabe Kuubaa,biyya bulchiinsa Koomunistii jalatti dhowwee ganna 49 bulchaa bahe.

Fiidel Kaastiroo

Fiidel Kaastiroo

Bulchee dadhabee jennaan obboleessaa dabarse.Bulchootii addunyaa hedduun Kaastiron nama mataa jabaa biyya isaa kophumatti qabaadhatee lafatti sukkuumee jrieenna irraa balleessee bulchee jettee moggaatti qabde.

Buchootii Afrikaa,warrii durii Kuubaatti barate biyyaa fi bulchaa biyya sunii waan hedduun faarsa.

​Itoophiyaanotii durii Kuubaatti baratan kale Finfinneetti qophii Fiidel Kaastorii itti galateeffatan qopheessanii ambaasaadderootaa fi nama hedduu itti yaamanii faarsan.Itti aanaan Koomishineera Waldaa Afrikaa Eratsu Mwenchaa Fiidel Kaastiroo nama galataati jedha.“Kaastoroon nama dhiiga jissaa Afrikaa bilisaa baasuuf carraaqe.Jaala dhugaati qalbi nu hin bane.”

Akka Koomishineera Mweenchaatti Kuubaan Afrkaa waan hedduun gargaarte.“Kuubaan biyya qabeenna uumamaa guddoo qabduu miti.Waan diqqoo qabdu irraa fuutee Afrikaa kennite.Akka nu humna jbeeffannillee waan hedduun nu gargaarte. Jaala kana nuu caalu hin qamnu.”

Ambaasaadder Taayyee Ekzisillaasee nama ministera haajaa alaa Itoophiyaa fulaa bu’ee yaadannoo Kaastoroo irratti dubbate. Waan Kuubaan bara Pirezidaantiin Soomalee Siyaazad Barree Itoophiyaa hadhe nuu bahe hin deenuu jedhe.

“Gaafa mi’a waraanaa beesuma teennaan bitannee fudhachuu dhowwan sunitti namii nu gargaare Fiidel Kaastiroo malee hin jiru. Kana hin deenu.Waan ijoolleen kuubaa 160n nu tolchite jireennaa fi ufi nuu kennite hin deenu.Galata galchinaaf.”

Fidel Castro fi Mengistu Hayilee Maaram bara 1978

Fidel Castro fi Mengistu Hayilee Maaram bara 1978

​Geetaachoo Eyyoob nama ganna sadii Kuubaa baratee deebihee amma hujii mataa ufiitin bulu waan Kuubaan nuu baate hin wallaallu jedha.

“Ganna 40 fi 50 duratti Afrikaa, Laatiin Amerikaa,Jidduu gala Bahaatii fi Eezhiyaa fa keesstti biyyiti hedduun bilisummaaf qabsaahaa bahan.Fiidle tana keessatti qabeennaa fi lubbuu ufii kennuun biyya tattana qarqaaraa bahe.”

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG