Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsii Doonalid Tiraampi ministera haajaa alaa Amerikaatiif itti gaafatamaa dhaaba Exxon Mobil, Rex Tillerson filate


Kuusaa suuraalee:Itti gaafatmaaa ExxonMobil, Rex Tillerson Dallas, bara 2014.
Kuusaa suuraalee:Itti gaafatmaaa ExxonMobil, Rex Tillerson Dallas, bara 2014.

Reksi W.Tilerson,nama ganna 64.Barumsaan injineeringi qaba. Ammatti itti gaafatamaa dhaaba zayiti addunyaa beekamaa Exxon Mobil Corporation ti.Dhaabii kun addunyaa keessaa guddinna gabayaatiin shaneessoo.

Hujii tana ganna 41 hojjachaa bahe.Namii kun jaala pirezidaantii Amerikaa Puutin beekamaa.Ganna 15 wal beekan.

Rex Tillerson yoo kora Gaazii Addunyaa 26esso bara 2015 Faransaayitti taahe irrartti
Rex Tillerson yoo kora Gaazii Addunyaa 26esso bara 2015 Faransaayitti taahe irrartti

​Doonaldti Tiraampi namii kun, Tillerson nama dhaaba addunyaa guddaa keessa hojjachuun beekamu nama akka addunyaan keessa ooltee bultu akka dansaa beeku nagaa naannooleef hojjatu.

Taatullee namii kun biiroo mootuma fi hujii siyaasaa gugurdoo akkanaa keessa hojjatee hin beeku. Raashiyaa fi Amerikaan ammoo waan hedduu irratti walii hin galle.Filamiitiin isaa tun nama hedduuf yaaddoo guddoo.

Senetrootii Amerikaa hedduun ka akka Joon Makkeeyin faatii Tiraampi jaala Raashiyaa kana fialchuun waan nama yaaddessaa jedhan. Hagii tokko ammoo Tilerson waan hedduun faarsan.

Woma taateefuu konigireesiin Amerikaa nama kana fudhachuu fi dhibaachuu dandahaa irratti wal falmuuf deema.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG