Xurree ittiin seenan

Breaking News

Siiriyaa Keessatti Walii Galteen Lola Dhaabinsaa Labsame


Siiriyaa Keessatti Walii Galteen Lola Dhaabinsaa Labsame
Siiriyaa Keessatti Walii Galteen Lola Dhaabinsaa Labsame

Mootummaan Siiriyaa fi gareeleen ripxe loltootaa hedduun jimaata borii qabee lola dhaabinsa guutuu biyyaa tolchuuf walii galtee irra ga’an.

Akka lola dhaaabinsa kana duraatti walii galteen sun waraana Siiriyaa fi ripxe loltoota mootummaa morman irratti kan hojii irra oole yoo ta’u gareelee leellistootaa kan akka IS fi al-Qaida garuu hin ilaallatu.

Kan presidentii Raashiyaa Bashaar al Assad deggertu Raashiyaa fi kan ripxe loltoota deggertu Rurkiin lola dhaabinsi sun akka jiraatu mirkaneessaniiru.

Lola dhaabinsi sun kan dhaga’ame Turkii, Siiriyaa fi Raashiyaan torban darbe akka jedhanitti wal waraansa waggoota ja’aa sana dhaabuuf jaarsummaan gidduu seenuuf qophee ta’uu beeksisan.

XS
SM
MD
LG