Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shakkamaan Haleellaa Berlin Gad Dhiisame


Aniis Amri, Shakkamaan Haleellaa Berlin
Aniis Amri, Shakkamaan Haleellaa Berlin

Angawoonni Jarmanii yeroo gabaa ayyaana dhaloota Gooftaa Yesuus Berlin keessatti nama konkolaataa gara jamaatti oofee balaa geessise Aniis Amiir waliin hidhata qaba jedhamee to’annaa jala kan oole lammii Tuuniisiyaa gad dhiisanii jiran.

Aniis Amiir waliin hariiroo qaba jedhamuun namni shakkame illee isa akka hin ta’in adda baafanne jedhan.

Amiir lafa gabaa jamaan itti heddummaatetti konkolaataa itti oofee namoota kudha lama galaafatee kanneen 58 ta’an madeessee jira.

Haleellaa sana raawwachuu isaa dura illee kan inni viidiyoon waraabeef amanamummaa hoogganaa garee finxaaleyyii IS Abu Bakar al-Bagdaadiif qabu ibse argamee jira.

XS
SM
MD
LG