Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi Ministeera Itiyoophiyaa Gaazeexxessoota Biyya Alaaf Ibsa Kennan


Mummicha Ministeera Itiyoophiyaa, Obbo Haayla Maariyaam Dassaaleeny
Mummicha Ministeera Itiyoophiyaa, Obbo Haayla Maariyaam Dassaaleeny

Labsiin yeroo hatattamaa eega labsamee as yeroo duraaf Obbo Haayla Maariyaam Dassaaleeny gaazexxesoota biyya alaaf Wiixata Amajjii 9 bara 2017 ibsa kan kennan.Labsiin yeroo hatattamaa yoom kaafama jechuun gaaffii dhiyaateef deebii kennaiin uummanni akka ka’uuf gaafannaan mootummaan qophii dha jedhan.Garu bu’aa ammaan dura labsiin kun argamsiise jajjabeessuu akka qabnu waiin ta’u qaba jedhan.

Labsiin yeroo hatattamaa kun sochii haaromsaa biyyatti keessatti gaggeeffamaa jiruuf haala kan mijeesse akkasumas bu’aa ajaa’ibsiisaa kan argamsise ta’u kan ibsan Obbo Haayla Maariyaam sochiin idlee kan uummataa fi mootummaa akka itti fufee jiru ibsan.Yaada uummataa fi qorannaalee adda addaa eega funaanannee booda akkasumas bu’an argame kan itti fufuu ta’u eega ilaalamee booda labsii yeroo hatattamaa sana kaafna jedhan.

Hidhamuu Dr. Mararaa Guddinaa kan ilaaleen humnootii hidhatanii akkaataa heeraan ala ta’een mootummaa jijjiruuf yaalan waliin shire kan jedhan Obbo Haayla Maariyaam hogganaa siyaasaa beekamaa ta’uus seeraan ol ta’u hin danda’uu jedhan.

Kongreesa Federaala Oromoof itti aanaa dura ta’aa kan ta’an Obbo Mulaatuu Gammachuu ibsa kennamee kana irratti yaada kennaniin sagaleen uummataa yoom kabajanii beeku? Beekaa uummanni haa murteessu jedhu jedhan.Heera irra dursanii waan ka’ataniif dheeressufis mirga guutuu qabu kana malees uummanni keenya dararamuu hidhamuu fi ajjefamuun itti fufee jira jedhan.

Uummanni sodaatee yeroof callisuun isaa ammaan booda deebi’ee gaaffii hin dhiyeessu jechuu miti.Sababiin isaas gaaffiin dhiyeeeffate amma iyyu deebii hin arganne jedhan obbo Mulaatuun.Akkaataa itti mootummaan deemaa jiru sirrii akka hin ta’iin irraa deddebinee beesiifnee jirra jedhu. Hidhamuu Dr Mararaan ilaalchisees deebii kennaniin isa mootummaan jedhu keessaa inni harka hin qabu beekaan sanaan qabatanii isa hidhan jedhu.

Gabaasaa Guutuu Kana Caqasuun Dhaggeefadhaa

Mummichi Ministeera Itiyoophiyaa Gaazeexxessoota Biyya Alaaf Ibsa Kennan
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:06 0:00

XS
SM
MD
LG